Ilmaan Oromoo 10 ol godina Matakkal ona Dibaax keessatti yoo ajjeefaman gariin madaa’an.
(ONM-ABO Caamsaa 2, 2022)
Mootummaan sirna PP nuti yoo aarsaa taane jennatatu nu eeggata jedhu gaarummaa maalii hojjetanii jannata galu jedhanii yoo gaafatan ilmaan namootaa hidhuu, dararuu, gubuu, saamuu fi ajjeechaa sukkanneessaa hanga sanyii duguuggaatti irratti raawwataniiti waan jedhu fakkaata.
Haaluma kanaan torbee kana ilmaan Oromoo godina Matakkal ona Dibaax keessa jiraatan irratti sanyii duguuggaan waraana sirna PPn raawwachaa jiru daangaa darbee jira.
Torbeedhuma kana keessa qofa ilmaan Oromoo kudhanii ol ona Dibaax gandoota akka Caancoo, Goongoo,Qorqaa fi magaalaa Gaalessaa keessatti yoo ajjeefaman kanneen lama madaa’anii jiru.
Ilmaan Oromoo ajjeefaman kunneen Baayisaa Taaddalee, Namarraa Geetaachoo, Abbayyee Taganyee, Faqqadaa Dabaloo, Abbabee Gammachuu, Habtamuu Yaadataa, Fayyeeraa Aagaa, Namarraa Nagarii, Ittafaa Yaadataa fi kanneen biroo maqaan nu hin ga’in yoo ta’u aadde Misgaanee Dhufeeraa harka irra rukutamuu yaalamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
Waraanni sirna PP ajjeechaa raawwachaa jiruun cinatti manneen uummata Oromoo 300 ol kan guban yoo ta’u qabeenya hedduus saamanii jiru.
Waraanni sirna faashistii PP fi leellistootni sirna nafxeenyaa ilmaan Oromoo lafa abbaa isaanii irraa buqqisanii guutummaatti uummata Amaaraa qubachiisuuf duula qindaa’aa waggoottan arfan darban lubbuu fi qabeenya hedduu balleesse amma itti xiyyeeffannoon akka hojjechaa jiran maddeen jiraattoota dubbisuun ibsaniiru.

