Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti Waraanni koloneeffattuu Abay Ahimed manneen uummata Oromoo gubaa fi saamicha qabeenyaa daran hammeessuun dhagaa’ame

Godina lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti Waraanni koloneeffattuu Abay Ahimed manneen uummata Oromoo gubaa fi saamicha qabeenyaa daran hammeessuun dhagaa’ame.

( ONM-ABO Caamsaa 29,2022 )

Caamsaa 26,2022 Aanaa Baakko Tibbee keessatti waraannii mootummaa PP uummata Oromoo nagaa irratti gochaa suukkanneessaa raawwachuu hammeessuun manneen namoota heddu gubanii saamicha irratti geggeessaniin rakkoo jireenyaaf saaxilaniiru.

Godina lixa Shaggar Aanaa Baakko Tibbee Ganda Waaradii Somboo Disaasaa keessatti mana obbo Tsaggayee Gaarradoo seenuun soolaarii fi qarshii 50,000 ( Kuma shantama ) kan saaman yoo ta’u mana obbo Darajjee Gaashee gubuun Horii Lubbuu qabdu 12 saaman.

Saamicha geggeessaniin alattis manneen qonnaan bulaa obbo Gabayyoo Taaffasaa, obbo Dambee Qumbii fi obbo Waqeetee Qumbii mana isaani jalaa gubuun lafa itti galan dhabuun jireenya hamtuu keessa galanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Ittuma dabaluun Mana Maatii qabsaa’ota gubaa kan turan yoo ta’u namoota nagaa bishaan ykn nyaata WBOf kennee argamee qarshii 10,000 ( Kuma kudhan ) kan wajjin taa’e ykn WBO waliin haasaa godhe 50,000 ( Kuma shantama ) adabuun maallaqa saamuun uummata Oromoo gidirsaa jiru.

Qonnaan bultoota hojii isaanii hojjetanii jiraatan ammoo kottaa ooyiruu miliishotaa qotaa jechuun dirqamaan yaasuun Aanuma Baakkoo Tiibbee ganda Guutoo keessatti miliishoota kanneen akka Tashaalee Shonee, Shuumaa Qixxaataa fi
Gafanee Gaaddisaa jedhamaniif qochiisiisaa oolan.

Mootummaan abdii kutataan yeroo bitachuuf uummata Oromoo saamuu fi ajjeesuun gatii kaffaalchiisaa jiru, uummata Oromoo diddaa sirna PP irratti qabu irraa duubatti deebisuuf tarkaanfii barbaade yoo waraanni PP fudhate iyyuu uummata Oromoo kan yeroo kamiyyuu caalaa sirna PP kuffisuu jabaatee akka socho’u jiraattootni maddeenitti himaniiru.

Exit mobile version