Kaabaa Oromiyaa Godina walloo keessatti poolisootni humna addaa Amaaraa fi milishootni Amaaraa ilmaan Oromoo nagaa dararuu hammeessanii jirux.
( ONM-ABO Caamsaa 30,2022 )
Ilmaan Oromoo Kaabaa Oromiyaa godina walloo keessa jiraatan addatti mootummaan impaayeera Itoophiyaa fi mootummaa Naannoo Amaaraa waliin wal ta’uun poolisoota humna addaa Amaaraa fi milishoota naannichaa baayi’naan hedduu ta’an gaafa caamsaa 27/2022 irra qabuun uummata dararaa jiru.
Daraaraan kun godinichaa keessaa aanoota akka Baatee, Dawwee Harawwaa fi Arxummaa Fursee keessatti bobbaaffamuun namoota nagaa sababa tokko malee Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu, WBO tu naannoo kana jira jechuun namoota nagaa ajjeessuu hidhuu fi reebicha hamaa irran ga’a jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
Kana malees darggagoota hojii doqdoqee hojjechuun namoota deddeebisanii maallaqa irra argataniin ofii fi maatii isaanii jiraachisan WBOf nyaata geessitu jechuun harkaa guuranii mallaqaa kuma shanii ( 5000 ) hanga kuma torba (7000) kan kanfalchiisan yoo ta’u kan hin qabne ammoo jala guba jiraachuu maddeen dabaluun addeessaniru.
Akka jiraataa kaaba Oromiyaa godina Walloo Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko ibsetti konkolachistootni doqdoqee fi namoonni nagaan dararamanis gocha badii rawwatan kan hin qabnee fi waraanni murna PP karaa tokkon nu saamaa karaa biran dugugaa sanyii nu irratti raawwacha jira jechuun jireenya hadhooftuu keessa jiraachuu odeessi godina Walloo ba’aa jiru ni ifoomsa.

