Lixa Shaggar Ona Iluu Galaan keessatti waraanni shiftaa PP impaayera Toophiyaa jiraattota nagaa nama shan bakka tokkotti rasaasaan yeroo ajjeesu, nama lama akka malee reebuun manneen jiraattootaas gubuu jiraattootni dubbatan.
( ONM-ABO Caamsaa 31,2022 )
Murni faashistiin hayyoota Oromooti warra ofiin jedhaniin carraan kennameefii achumatti haa saphamuuf karoorfatamee hojjetamaa jiru lubbuu ilmaan Oromoo galaafachaa, reebaa fi qabeenya saamaa jiraachuu odeessi Oromiyaa keessaa jiraattoota irraa nu qaqqabaa jiru ni addeessa.
Akka jiraattootni dubbatanitti Caamsaa 30,2022 godina Shaggar lixaa ona Iluu Galaan keessatti waraanni ergama uummata Oromoo lafa irraa haxaa’uu qabatanii bobbaafaman ilmaan Oromoo nagaa shan ajjeesuun, lama irratti reebicha hamaa geggeessanii, manneen jiraattoota gubuunii fi qabeenya hawaasichaa saamanii deemuu waraana maafi’aa PP Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
Namoonni ona Iluu Galaan ganda Irgoo Waashamoo keessaa guyyaa kaleessaa ajjeefaman kunis Fiqaaduu Xaasoo, Jabeessaa Likkiisaa, Dhugaasaa Taayyee, Lalisaa Barsiisaa fi Lalisaa Yiggazuu yoo ta’an kanneen reebamuun du’aa fi jiruu jidduutti argaman, Boddosaa( Likkiisaa) fi Korree Nagarii ta’uu jiraattootni addeessan.
Kana malees manneen gubuu fi saamichi qabeenyaas uummata irratti tiksitoota impaayeerattii saamichaaf Abiy Ahimed bobbaaseen raawwateera.
Ilmaan Oromoo manni qabeenya waliin guutumatti jalaa barbadaa’e, Barsiisaa Jaalataa, Calqaa Jaliilaa fi Tafarii Barsiisaa yemmuu ta’an, namoota biroo hedduu maqaa tarreessuuf nama dhibuu jalaa ammoo qabeenya isaanii beeylada lubbuu qabu waliin ooffatanii akka deeman jiraattootni gochicha ijaan argan ni himaniiru.
Miidhaan ona Iluu Galaan ganda Irgoo Waashamoo keessatti kaleessa raawwate kun kan jiraattootni yeroo sanatti argan malee erga sanaa waraanna sirna koloneeffattuu Abiy Ahimed dheessuun bosonatti waan baqataniif, lubbuun namaa fi beeyladaa mana waliin gubate wanti adda ba”e hin jiru.
Egaa ilmaan Oromoon sirna sirna kaleessa baabura nagaadha jedhanii korsiisan sana keessatti ajaja konkolaachistootaa fi adiidicha irratti warreen nutu eega jedhaniin sanyii duguugamaa jiru har’as bifa biraan Abiy Ahimed waan luugama qabee jiru fakkaata jechuun dubbii haala uummatni Oromoo keessa hin jirre dubbachuun hawaasa gidduutti komee kaasaa akka jiru odeessi nu ga’aa jiru ni addeessa.

