Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

PP maqaa Waancaa hidhaa Abbayyaa jedhuun uummata irra dirqiin mallaqaa funaanaa kan jiran yoo ta’u ona Mi’eessoo keessatti ammoo dubartoota waaqa kadhachaa turan qabanii hidhan

Godina lixa Harargee keessatti kaadiroonni sirna faashiisti PP maqaa Waancaa hidhaa Abbayyaa jedhuun uummata irra dirqiin mallaqaa funaanaa kan jiran yoo ta’u ona Mi’eessoo keessatti ammoo dubartoota waaqa kadhachaa turan qabanii hidhan.

( ONM-ABO Waxaabajjii 1,2022 )

Torbee darbe irra qabuun kaadiroonni onoota godina lixa Harargee cufa keessatti argaman maqaa waancaa hidha guddicha laga Abbay jedhuun mana mana irra deemuun dirqiidhan mallaqaa qarshii 500 ol kanfalchisaa jiru.

Godinni lixa Harargee uummanni ishee waggaa tokkof oliif sababa hongeen beelaaf saaxilamanii miidhamaa kan jiran yoo ta’u mootummaan impaayeera Itoophiyaa rakkoo isaanii kana hubachuufii dhabuun kaadiroota isaanii itti bobbaasuun rakkoo irratti rakkoo dabalanii jireenya itti hammeessanii jiru.

Akka jiraattootni godinichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko jedhanitti mootummaan hidha laga Abbayyaa sababa godhatee nu saamaa jira kan jedhan yoo ta’u namoonni keenya harki caalu waan nyaatu dhabee yeroo itti isaa irraa iyyuu gargarsaa eeggatuutti uummata homaa hin qabne maallaqa humnaan irra guuruun mootummaan jira jenne waanti eegannu hin jiru jechuun yaada isaanii ibsatan.

Murni Maafi’aa PP gamtokkoon hidha laga Abbaayyaa xumuree ibsaa maddisiiseera jechuun eebba geggeessanii faayidaa siyaasaaf erga olfataniin booda har’a ammoo as deebi’uun maqaa piroojektichaan maallaqa saamuun nama qaannessas jedhan jiraattootni.

Oduu biraatin ammoo godinuma lixa Harargee ona Mi’eessoo araddaa Daalachaa iddoo Funyaan Dannabaa jedhamutti Caamsaa 29,2022 ayyoota Oromoo dhimma hongeen godincha keessatti hammatee akka aadaatti hoolaa qalanii dhiiga buusuun waaqa kadhachaa turan abbaan araddaa fi itti aanaan isaa milishoota itti bobbaasuun reebanii qabeenya ittiin kadhata geggeessuuf wal ga’an harkaa bittinneessuu kan ibsan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa godina lixa Harargee ti.

Exit mobile version