Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixaa Shaggar Ona Cobii keessatti waraanni murna PP namoota nagaa Ajjeessuu fi manneen gubuu hammeesse

Godina Lixaa Shaggar Ona Cobii keessatti waraanni murna PP namoota nagaa Ajjeessuu fi manneen gubuu hammeesse.

( ONM-ABO Waxaabajjii 7,2022 )

Ilmaan Oromoo dachee abbaa isaanii irratti mirga jiraachuu dhabuun keessayyuu waggoottan arfan darbanii as dhalli nama ba’e galuu dadhabuun kan hammaate yoo ta’u godina lixa Shaggar aanaa Cobii keessatti Waxaabajjii 6/2022 namoota nagaa ajjeessuu fi manneen Ummata haala nama gaddisiisuun gubanii jiru.

Namoonni gocha gara jabummaan waraana sirna nama nyaatan ajjeefaman kunneen
Araarsaa Raggaasaa
Taaddasaa Diroo fi Charuu Yaadasaa kanneen jedhamaniidha.

Namoonni manni jalaa gubate kunneenis ganda Qoricha Cobii keessaa,
Aanaa Laggasaa
Dachaasaa Guutamaa
Dirribaa Calqabaa
Masee Fufaa fi Addee Alamii Labataa kanneen jedhaman jalaati.

Gubannaan manneenii kun sababa tokko malee Oromoo ta’uu isaanii qofaaf yoo ta’u manneen kun meeshaaleen mana keessaa tokko osoo hin hafin jala kan gubatee fi waanti daran nama gaddisiisuu ammoo Aaddee Alamiin dubartii Abbaa mana hin qabnee fi akka haadha fi abbaatti ijoollee ishee guddisa jirtu ta’uu jiraattootni miiraa aariin maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Godinuma lixa Shaggar ona Ilfaataa ganda Somboo Cittuu Waxaabajjii 5,2022 keessatti namoota manneen jalaa gubatee sagantaa keenya kaleessaa keessatti maqaan isaanii nu hin qaqqabin hafe keessaa Lataa Labataa , Jifaaraa Fufaa, Kabbadaa Tarreessaa fi Baayisaa Abdataa warreen jedhamanii dha.
Hanga gabaasni kun qindaa’etti ona lamaan kana keessatti ajjeechanis ta’e manneen gubuunis waxabajjii 5/2022 irra kaasee kan itti fufee jiru yoo ta’u, gariin namoota bosonatti baqatanii rakkoo hamtuu keessa jiru jedhu jiraattootni.

Manni keenyas gubatee namni keenyas nu harkatti dhumee kanaaf nus boruu carruma isaan irra ga’e kanatu yoo yeroon kaane hin falmannu ta’e nu eeggata waan ta’eef ummanni keenya tokkummaan kaanee waraana keenya waraana bilisummaa Oromoo bira dhaabbanee sirna kanatti xumura gochuu qabna kan jedhan jiraattoota ona Cobiiti.

Exit mobile version