Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Harargee aanaa Gooroo Guutuuttii gareen maafiyaa impaayeera Itoophiyaa milishoota gaachana sirnaa jechuun leenjise lama shakkuun rasaasan rukutanii tokko yoo ajjeesan tokko ammoo maddeessuun ibsame

Baha Harargee aanaa Gooroo Guutuuttii gareen maafiyaa impaayeera Itoophiyaa milishoota gaachana sirnaa jechuun leenjise lama shakkuun rasaasan rukutanii tokko yoo ajjeesan tokko ammoo maddeessuun ibsame.

( ONM-ABO Waxaabajjii 8,2022 )

Ilmaan Oromoo sirna PPf hojjetan yeroo garaagaraatti quunnamtii WBO qabdu jechuun hojii irraa ari’uu hanga hidhuutti irratti raawwacha ture baha Harargee aanaa Gooroo Guutuu bulchiinsa magaala Baroodaa keessatti Waxaabajjii 5,2022 milishoota maqaa Gaachana sirnaa jedhuun dirqiin qabamuun kan leenjifaman quunnamtii Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun waraanni bilxiginnaa rasaasaan rukutuun tokko yoo ajjeesan nama tokko madeessuun yaalamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Gaachana sirnaa kana keessaa ona Gooroo Guutuu magaalaa Baroodaatti rukutamun kan ajjeefaman obbo Maammadee Kurroo kan jedhaman yoo ta’u namni tokko ammoo rukutamun yaala irra jiraachuufi hanga sagantaan Kun qindaa’etti maqaan isaa adda kan hin baanee dha.

Namni rukutamee yaalamaa jiru kun akka rukutamee jiru waraanni fi daballootni bilxiginnaa dhoksaa kan jiran yoo ta’u maatiin namoota naannootti hin argamnee yoo deemanii gaafatan dirqama ba’anii jiru jechuun maatii namootaa firoottan isaanii milishummaa humnaan qabamanii dhaquun tajaajilaa jiran gaafachuuf deemaniif deebisaa jiru.

Dabballotni fi waraanni bilxiginnaa gocha kana dhoksuuf tattaafachaa jiraachuu maddeen ibsuun gocha kana irraa mufachuun milishoonni hedduun qawwee keessan keenyee manatti galla jechuun gaafachaa jiraachuu maddeen dabaluun ibsan.

Sababa kana irraan kan ka’e qaamonni hawaasaa humnaan qabamanii faayidaa tokko malee sirnicha tajaajilaa jiran kun maatii isaanii wal akka wal hin quunnamne dhorkamuun gochichas murni bilxiginnaa waraana bilisummaa Oromootu raawwate jechuun afaanfaajjii uumuuf yaaluus namootni maatiin irraa ajjeefamee fi hawaasni naannoo garuu gochicha isaanii fi soba bilxiginnaa walitti balaaleffateera.

Exit mobile version