Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Alaabaan ABO Mallattoo, Fakkii fi Qabeenya ABO fi Ummata Oromooti! – Ibsa Ajaja olaanaa ABO-WBO


  (Ibsa Ajaja olaanaa ABO-WBO)

“Alaabaa Oromoo ibisituu dukkanaa, guyyaa si dhaabbannee gabrummaa irraa baana” jennee faarfannu; kan moggaa lamaan (irraa fi jalaan) diimtuu, gidduun magariisa, walakkaan isii aduu, handhuurti isii odaa, mataa gubbaan urjiin diimtuun mul’attu; hiikaa fi waan bakka buutu qabdi. Diimaan moggaa lamaanii fakkii dhiiga ummatni Oromoo fi WBOn bara dheeraaf diddaa cunqursaa fi bilisummaa gonfachuuf dhangalaase fi dhangalaasaa jiruu dha; magariisni fakkii  badhaadhummaa fi taadhummaa Oromiyaa kan agarsiisu yoo ta’u, aduun fakkii barii bilisummaati; Odaan fakkii sirna dimookiraasii Gadaa ummata Oromoo kan dhaalmayaan dhufe agarsiisa; urjii diimtuun qara shanii fakkii qabsoo ummatni Oromoo nagaa, dagaagina, bilisummaa, dimookiraasii fi tokkummaaf gaggeessaa jiru bakka bu’a.

Itti dhimma bahuu Alaabaa Oromoo ilaalchisee:

Suura: Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo kan sabni Oromoo ittiin beekamuu fi akka faajjii qabsoo isaattis ilaalu.

ABOn Heera isaa Aangoo 4. Qabxii 4.1 keessatti ‘’Asxaa fi alaabaan ABO, mallattoo, fakkii fi qabeenya ABO tii fi ummata Oromoo ti.’’ jedha. Faaruun Alaabaa Oromoos ‘’alaabaa Oromoo ibsituu dukkanaa, guyyaa si dhaabbanne gabrummaa irraa baana’’ jedhu mirkana alaabaan Oromoo kaayyoo fi wareegama ilmaan Oromoo baroota dheeraaf baasan agarsiisuu fi qabeenyummaan isaa kan qabsaawotaa fi uummata Oromoo ta’uu
agarsiisu dha.

Alaabaan Oromoo kaayyoo saba Oromoo fi akeeka Oromiyaa bakka bu’a. Kabajaa fi ulfinni Alaabaa Oromoos, kaayyoo fi seenaa wareegamtoota ilmaan Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo bakkaan gahuuf baasanii waliin wal hidhataa dha. Kunis ilmaan Oromoo qaalii baddaa fi gammoojjii, baadiyyaa fi magaala, dirree lolaa fi hiriira fincila diddaa gabrummaa akkasumas falmaa kolonii keessatti gaggeessan mara kan nu yaadachiisu fi mallattoo tokkummaa saba Oromooti malee, mallattoo atakaaroo keessa nama seensisu miti.

Hawaasni Oromoo Alaabaa Oromoo itti dhimma bahuunis; jaalalaa fi ulfina alaabaa Oromoof qabaachuu fi kabajaa wareegamaa ilmaan Oromoo kan kaayyoo biyya ofii ijaaruuf baasan agarsiisu dha. Waltajjii hawaasni qopheessu irratti namooti dhuunfaa ejjennoo dhuunfaa isaanii haasaahanis, ejjennoo isaaniif kan gaafatama guutuu fudhatu qaamuma haasawaa taasise dha malee hawaasa waltajjii sana qopheesse akka hin taane beekamuu qaba. Namni waltajjii sana irratti afeeramus gosa alaabaa kan waltajjiin sun itti faayamu murteessuu hin dandahu. Kanaaf, hawaasni Oromoo Alaabaa Oromoo fi ABO kana of dura qabatee deemuuf,kaayyoo ilmaan Oromoo itti wareegaman ittiyaadachuu fi tiksu akka ta’ee
fi qaama seenaa fi jireenya uummata Oromoo ta’uu hubachuun feesisa.

Yeroo hedduu kan ajandaa garagarummaa uummata Oromoo babal’isan, kan uummata Oromoo wal dura dhaabuuf bocan diinota Oromooti. Oromoo gargar qooduun karoora diinaa waan ta’eef; Oromoon dhimma amantaa, lagaa fi yaadota garagarummaa Oromoo gidduu dhalchan yeroo afarsu keessa hin jiru. Kaayyoo Oromoo wareegama ilmaan isaatti xumura itti tolchuuf, humna jabaatti of jijjiiruuf, irree isaa jabeeffachuun murteessaa waan ta’eef; yeroon kun yeroo Oromoon hundi roga hundaan ilaa fi ilaameen marihatee kaayyoo ilmaan isaa itti wareegamanii bakkaan gahuuf yeroo itti hojjetudha malee yeroo itti wal dura dhaabbatu akka hin taane ajajaan Ol’aanaa ABO-WBO gadi jabeessee hubachiisa.
  
Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Waxabajjii 9, 2022

Exit mobile version