Godina adda naannawaa Finfinnee bulchinsa magaalaa Buraayyuutti dargaggoota ukkamsuu fi kaabinoonni magaalichaa lafa qonnaan bultoota saamuun gurgurachaa jiru.
( ONM-ABO Waxabajjii 15,2022 )
Mootummaan impaayeera Itoophiyaa kufaatii irraa of hambisee gadaa aangoo isaa tursifachuuf barbaadu godina addaa Naannawaa Finfinnee bulchinsa magaalaa Buraayyuu gandoota akka Malkaa Gafarsaa fi Gafarsaa Noonnoo keessatti ilmaan Oromoo humnaan qabe adda waraanaatti ergaa jira.
Qeerroowwan Oromoo kunneen kutaalee Oromiyaa garaagaraa irra hojii humna hojjachuun jireenya dhuunfaa isaanii foyyeeffachuuf magaalaa kana keessa kan jiraatan yoo ta’u milishaa, Poolisii idilee fi poolisii federaalaa waliin wal ta’uun waraqaa eenyumma keessan fida jechuun yoo waraqaan eenyummaa isaanii sun keessattu Wallaggaa fi giddu galeessa Oromiyaa ta’e ergama Waraana Bilisummaa Oromoo qabattanii dhuftan, maal gootu asii ittin jechuun qabanii deemuun akka waan hidhaniitti tooftaa fayyadamuun gara leenjiif waraanaatti ergaa jiru.
Dargaggoonni hedduunis achi buuteen isaanii kan dhabamee jiru yoo ta’u waraanni mootummaa sirna bilxiginnaa kun halkaan halkaan dukkana keessa dhaabachuunis namoota ukkamsaa jiru jechuun maddeen nuuf himaniru.
Kana malees bulchiinsa magaalaa Buraayyuu lafa qonnaan bultoota Oromoo naannoo sanatti argamu kaadiroota gandaa, milishoota fi poolisoota magaalaa waliin wal ta’un kan saamaa jiran yoo ta’u warroota abbaa qabeenya jedhamanis adamsanii mallaqaa irraa saamaa kan jiran yoo ta’u namni yoo dubbate sobanii maqaa waraana bilisummaa Oromoo itti maxxansuun mana hidhaa fi reebicha hamaa irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Magaalaan Buraayyuu yeroo amma saamtoota mootummaan kan guutamte yoo ta’u namoonni magaalichaas yaaddoo hamtuu keessa kan galanii fi haala kanaan deemnan yeroo gababduutti magaalattiin magaalaa saamichaa taati jedhan.
Murni Bilxiginnaa lafa qonnaan bultoota humnaan irraa buqqisuun namoota isaa itti bobbaasee gurguraachuun ittiin jiraachaa kan jiran yoo ta’u qonnaan bultootni baay’een garuu sababa kanaan rakkoo jireenyaaf saaxilaniiru.

