Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhaaf Dararaan Ilmaan Oromoo irratti daran jabaatee hammaatee jira

Hidhaaf Dararaan Ilmaan Oromoo irratti daran jabaatee hammaatee jira.

(SQ-Hagayya 16, 2022)

Godina Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Mattuu fi Aanolee irratti nama nagaa maqaa Oromummaa qofaan yakkuun hidhaatti guuraa jiru.

Masqaloo Badhaasaa fi Gammachuu badii tokko malee bakka jireenya isaaniitii qabuun Kaampii Waraanaatti galchuun dararaa akka jiran Maddeen Sagalee Qeerroo bakka sanaa mirkaneessaniiru.

Masqaloon yeroo garaagaraatti hidhaafi dararaan garaagaraa kan irratti raawwatamu akka ta’e Sagaleen Qeerroo Baatii Sadii dura hidhamuu isaa ilaalchisee gabaasa hojjeteen Maatii irraa mirkaneeffatee ture.

Ammas maqaa Oromummaaf Sabboonummaa qofaan namoota hedduu yakkanii hidhaatti guuraa akka jiran Madeen SQ mirkaneessaniiru.

Guyyaa kaleessaas Dargaggoo Siinan (Abbaas Huseen) Magaalaa Finfinneetii Humnoota Tikaatiin Ukkaamsanii gara Magaalaa Mattuutti geessanii akka hidhan gabaasuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version