Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambii Dolloo keessatti waraanni weerartuu impaayeera Itoophiyaa namoota nagaa irratti dhukaasa bananiin qeerroo Oromoo tokko rukutuun ajjeessan.
ONM-ABO Hagayya 17,2022 Oromoo magaalaa Dambi Dolloo keessa jiraatan hidhaa, ajjeechaa fi gidirfama waraana murna PPn irra ga’u guyyaa guyyaatti kessumessaa Kan jiran yoo ta’u, magaalaan Dambi Dolloo bakka dhumaatii ilmaan namaa ta’uun ummaanni Oromoo yeroo gara yerootti lubbuu ilmaan isaatii itti dhabaa jira.
Kaleessa ganama Hagayya 16,2022 godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Dolloo ganda 04 bakka addaa madaallee jedhamutti waraanni weerartuu impaayeera Itoophiyaa namoota nagaa irratti dhukaasa bananiin qeerroo maqaan isaa Dureessaa Yooseef Tasfaa jedhamu rasaasaan mataa keessa rukutuun yoo ajjeessan namoonni kan biroon dhukaasa kana irraa hafuun fiigaanii akka lubbuu isaanii baafatan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Qeerroo Dureessaan nama nagaa fi siyaasa kamitti iyyuu hirmaatee Kan hin beekne yoo ta’u sababa Oromummaa isaa qofaaf badii tokko malee ajjeeffame jechuun jiraattootni qalbii gaddaan rukutameen maddeeniif himaniiru.
Akka maddeen magaalaa Dambi Dolloo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti ajjeffaamuu fi dararaan garaagaraa sirna nama nyaataa kanaan yoo nu irratti rawwaatame iyyuu qabsoo keenyatti daran kan nu jabeessu malee duuba nu hin deebisu jechuun dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.

