• Thu. Mar 12th, 2026

Waraanni murna bilxiginnaa 2 qawwee AKM 1 fi Bireenii tokko hidhannnoo guutuu waliin fudhachuun godina Qellem Wallaggaa ona Sayyoo keessatti WBOtti harka kennatan

Aug 22, 2022

Waraanni murna bilxiginnaa 2 qawwee AKM 1 fi Bireenii tokko hidhannnoo guutuu waliin fudhachuun godina Qellem Wallaggaa ona Sayyoo keessatti WBOtti harka kennatan.

ONM-ABO Hagayya 22,2022 Ilmaan Oromoo 2 turan. Isaan lachuu kibba Oromiyaa godina Gujii lixaatti dhalatan. Naannoo isaanii keessa osoo jiraatanii humna nageenyaa jechuun warreen of waamaniin humnaan qabamanii leenjii waraanummaa murna bilxiginnaan kennamu fudhachuun lixa Oromiyaatti bobbaafaman.

Waraanummaa dirqamaan fudhatan kanaan gara lixa Oromiyaa godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Dollootti ramadamuun hojjechuu yeroo eegalanitti humni murni bilxiginnaa akka lolaniif bobbaasee fi waraanni sirnichaa uummata irratti gochaa jiru wal adda ta’uun akkasumas waraana sirnichaa gidduu wal dhibdeen jiraachuun sirnacha gadhiisanii akka badan akka murteessan isaan taasiseera.

Ilmaan Oromoo kunneen lola saba isaanii irratti baname gargaaranii saba isaanii lolaa akka jiran erga hubataniin booda meeshaa waraanaa sirna bilxiginnaa qawwee AKM 1, bireenaa 1 jorooroo isaa waliin, rasaasa 318 hidhaannoo guutuu waliin mooraa waraana bilxiginnaa keessaa baasuun nama lama taa’anii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo godina Qellam Wallaggaa keessa socho’utti harka kennachuu isaanii gaaffii fi deebii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin taasisaniin beekuun danda’ameera.

Ilmaan Oromoo kunneen Waraana Bilisummaa Oromoon jaalalaa fi miira oo’aa Oromummaan erga simatamaniin booda jabinaa fi haamilee WBOn ittiin waraana bilxiginnaa amma funyaaniitti hidhatee jiru loluun injifannoo goonfachaa jiru ajaayibsiifachuun ilmaan Oromoo waraana murna bilxiginnaa keessatti qawwee diinaa baatanii tajaajilaa jiran sirnicha ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo naannoo isaaniitti akka harka kennatan waamicha taasisaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading