Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni murna bilxiginnaa 4 godina Qellem Wallaggaa onoota garaagaraa keessatti harka kennatan

Waraanni murna bilxiginnaa 4 godina Qellem Wallaggaa onoota garaagaraa keessatti harka kennatan.

ONM-ABO Hagayya 24,2022 Murni bilxiginnaa waraana isaa guyya guyyaan adda waraanaatti du’aa fi madoon dhabuun cinaatti sirnicha ganuun meeshaa qabatanii kanneen WBOtti harka kennatan heddummachaa jiru.

Haala kanaanis dheengadda Hagayya 22,2022 waraanni murna bilxiginnaa 2 mooraa waraana PP magaalaa Dambii Dolloo keessaa baduun qawwee AKM 2, boombii 2, rasaasa 368 fi hidhannoo lama qabachuun mooraa waraana faashistii ganuun ona Sayyoo keessatti WBOtti harka kennatanii jiru.

Kana malees godinuma Qellem Wallaggaa ona Gaawoo Qeebbee mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Sichaa’oo jiru keessaa ilmi Oromoo dhalootaan godina Arsii Lixaa ta’e sirnicha ganuun qawwee AKM 1 fi rasaasa qabachuun mooraa PP ganee jira.

Mooraa waraana bilxiginnaa keessaa baduun itti fufuun dhalataan naannoo uummattoota kibba lixa impaayeerattii kan miseensa raayyaa ittisa impaayeerattii ta’e tokko sirnicha ganuun kaleessa Hagayya 23,2022 mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Qellem keessaa sirnicha ganuun qawwee AKM Turkii 1, rasaasaa fi hidhannoo isaa qabachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo ona Gidaamii keessa jirutti harka kennatee jira.

Olaantummaa murna habashaa finxaaleyyii Amaaraa dadhabuunii fi gochoota farrummaa waraanni murna bilxiginnaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru jibbuun ilmaan Oromoo quuqamni sabaa itti dhagaa’amu sirnichaa ganuu akka itti fufan miseensoota waraana bilxiginnaa gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan irraa beekuun danda’ameera.

Exit mobile version