Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni bilxiginnaa yakka waraanaa raawwachuu itti fufuun godina Bunnoo Beddellee ona Cooraa keessatti riqicha ce’umsaa kute

Murni bilxiginnaa yakka waraanaa raawwachuu itti fufuun godina Bunnoo Beddellee ona Cooraa keessatti riqicha ce’umsaa kute.

ONM-ABO Fulbaana 7, 2022 Murni faashistii PP lola mo’achuu hin dandeenye shiraa fi yakka hojjete irra aanuuf summii facaasuu, duguuggaa sanyii lammiilee nagaa irratti raawwachuu fi xiyyaaraa waraanaan rukuchuun cinaatti riqicha ce’umsaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromootu irra ce’aan kutee jira.

Akka kanaanis tarkaanfii laalessaa fi qindaa’aa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo godina Bunnoo Beddellee keessatti fudhachuun injifannoo boonsaa galmeessaa jiru irraan rifaatuu keessa kan seene murni waraanni murna bilxiginnaa ona Cooraa keessatti riqicha uummatni itti fayyadamu kutee jira.

Aanaa Cooraa keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed finxaaleyyii Amaaraa akka eeganiif buufata waraanaa magaalaa keessa jiru malee gandoota akka Gooroo fi Humbee keessas qubsiisanii kan jiran yoo ta’u sodaa WBOn aanichatti seenee haleellaa rawwachuun nu buqqisa jedhu irraa ka’uun riqicha hawaasni tajaajila gama hundaa irraa argachaa ture dhabamsiisanii jiru.

Sababa kanaanis hawaasni gamaa gamanaa dhimma isaaniif walitti deemuu dhabuun rakkachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ibsan.

Murni bilxiginnaa yakkoota waraanaa addaa raawwachuun qabsoo hidhannoo waraanni bilisummaa Oromoo geggeessaa jiru dura dhaabbachuun dadhabsiisuuf yaaluus WBOn imala isaa osoo hin dhaabin rakkoo murni bilxiginnaa uumu irra aanee galma isaa milkeessuuf duratti deemaa jiraachuun barameera.

Exit mobile version