Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Faashistoonni PP Godina Lixa Shaggar Aanaa Ilfataatti maanguddoo ganna 70 dabalatee nama lama rasaasaa yoo dha’an manneen qotee bultoota Oromoo hedduus gugguban

Faashistoonni PP Godina Lixa Shaggar Aanaa Ilfataatti maanguddoo ganna 70 dabalatee nama lama rasaasaa yoo dha’an manneen qotee bultoota Oromoo hedduus gugguban.

ONM-ABO Fulbaana 23,2022 Uummata Oromoof gara laafina kan hin qabnee humni yakkamtoota Abiy Ahimediin bobbaafaman Fulbaana 20,2022 Lixa Shaggar Aanaa Ilfataa ganda Ambaltaa Godeetiitti yakka suukaneessa raawwatan.
 

Magaala Aanaa Ilfatataatii dabballoota garaaf jiraataniin durfamuun ganda Ambaltaatti kan bobba’an waraanni faashistii PP jaarsa ganna 80 maanguddoo Jifaaraa Bulchaa kan jedhamu rasaasaan laphee irra rukutan.

Maanguddoo Jifaara Bulchaa jaarsa qaroon isaa sirriitti hin argine yoo ta’u faashistoonni kun garuu manatti itti seenuun Amaariffaan gaafatanii deebisuufii dadhabnaan rasaasaan dhaa’anii deemuu jiraataan ganda Ambaltaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himeera.

Ilmi obbo Jifaaraa Bulchaa, Abarraa Jifaara kan jedhamu kaabinee waraana sana oofe ganda sana fide yoo ta’u gantuu abbaa isaa ajjeesisu jechuun jiraattonni hadheeffatanii dubbatu.
 
Gama biraatiin ganduma Ambaltaa kanatti harka qalleessa hojii humnaa hojjetee maatii isaa jiraachisu obbo Baqqalaa kan jedhamus rasaasaan cinaacha irra dha’uun madaa’e rakkoo cimaa irra jiraachuu jiraataan kun dabaluun nuuf himaniiru.
 
Ganda kana keessatti guyyaadhuma kana mana obbo Tashoomaa Bayyanaa, Xaafaa Bayyanaa, Caalchisaa Lachiisa fi Qajeelaa Tolasaa qabeenya mana keessa cufa waliin abiddaan barbadeessan.
Maatiin warra manni jalaa gubatees daaraa fi da’oo malee hafuun qoonqoo isaaniif harka namaa eeguuf dirqamuusaani jiraattootni himaniiru.
 
Kana malees loon 7 obbo Bijigaa Faajjii jalaa fudhachuu kan himan jiraattootni k kun torbee sadiin duras mana obboo Galaanaa Qajeelaa, Shabbaraa Qajeelaa, Qajeelaa Dhaaba, Bokonaa Irreessoo, Lachiisaa Kumaa, Jaalataa Ajjamaa, Haacaaluu Ittisaa, Ayyaansaa Raggaasa, Tuujjoo Bajigaa, Zambaabaa Badhaadhaa fi obbo Raggaasaa jalaa manaa fi qabeenya mana keessa cufa waliin abiddaan barbadeessanii isaanii yaadatama.

Exit mobile version