Bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti kaabinoonni bilxiginnaa koree ijaaruun maqaa uummata Oromoo Wallaggaa irraa Waraana Bilisummaa Oromoo buqqaa’anii jechuun maqaa balleessii uumaa maallaqa funaannachaa jiraachuun ibsame.
ONM-ABO Fulbaana 26, 2022 Murni bilxiginnaa impaayeerattii keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo xureessuu fi yakkuuf gadi hin teenye, shororkeessaa jechuun jaarmiyaa mirga saba isaaf falmatu ramaduun cinaatti WBOn uummata nagaa buqqise jechuun maallaqaa fi uffata ittiin uummata irraa guuraa jiru.
Baha Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti bulchiinsi bilxiginnaa magaalaatti koree ijaaruun manneen uummataa cufaa fi bakkoota uffatni itti gurguramu irra deemuun maallaqaa fi uummata gocha sobaa ofii isaanii sammuu isaanii keessatti uumaniin uummata rakkisaa jiru.
Akka kanaanis torbee darbe irraa qabuun magaalaattii ganda 07 fi 09 keessaa dukkaanota bakka Taa’iwaan, bakka tarree uffanni moofaan gurguramuu fi haaraan lakkoofsa guutuun gurguramu hunda irra deemuun uffata uummata Wallaggaa irraa buqqaa’aniif jechuun sadarkaa mootummaatti saamicha geggeessaa jiru.
Abbootii qabeenyaa irraa maallaqa dirqiin kan guuraa jiran yoo ta’u waan isaan hojjechaa jiran kana uummatni yeroo, hawaasni buqqa’e kun eessa buufatee jira, akka dhageenyutti waraana keessantu nama ajjeesaa fi buqqisaa jira, maaliif waan ofii gootanitti hawaasa rakkistu jechuun yeroo gaafatanitti duuba irraa waraanaa bilxiginnaa itti erguun reebanii hidhu.
Magaalaa Dirree Dhawaa keessatti qaala’insa jireenyaa impaayeerattii rukutee jiruun uummatni jiraachuufuu yeroo of dadhabee jiruutti maallaqa, nyaata, uffata jijjiirraa fi meeshaalee mana keessaa sababoota garaagaraan irraa funaanaa jiraniin rakkoo ulfattuu keessa galuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

