Lixa Shaggar aanaa Jibaat keessatti humnootni PP fi finxaaleeyyii Amaaraa uummata Oromoo buqqaasaa jiraachuun barame.
ONM-ABO Fulbaana 29, 2022 Humnootni impaayeera Itoophiyaa jeeqaa fi daandii kufaatii irra deemsisaa jiran waraanni bilxiginnaa fi humnootni finxaaleyyii Amaaraa Oromiyaa keessatti miidhaa qaqqabsiisan itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan Fulbaana 22, 2022 godina Lixa Shaggar ona Jibaat magaalaa Areeree fi ganda Alii Kuttaayee keessatti waraanni faashistii Itoophiyaa uummata nagaa manaa fi qabeenya isaanii irraa milishoota Amaaraan waliin ta’uun buqqaasee jiru.
Yeroo ammaa naannicha keessatti uummatni dararaa jireenyaa arguun daa’immanii fi maanguddoonni dhukkubaaf saaxilamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Rakkoo ulfaattuu uummatni Oromoo keessa jiru kana murni bilxiginnaa fuula durattis jabeessee akka isaan irratti itti fufu itti dhaadachaa jiru yoo ta’u namoonni qe’ee isaanii irraa buqqaa’an olii fi gadi deemuun dararamaa jiraachuun barameera.

