Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mana barnoota sadarkaa 2ffaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Yekkaa keessatti faaruu alaabaa bilxiginnaa Oromiyaa hin faarfattan jechuun barattootni Amaaraa barattoota Oromoo lolan

Mana barnoota sadarkaa 2ffaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Yekkaa keessatti faaruu alaabaa bilxiginnaa Oromiyaa hin faarfattan jechuun barattootni Amaaraa barattoota Oromoo lolan.

ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2022Erga uummatni Oromoon xumura jaarraa 19ffaa cabuun sirna kolonii Habashootaa jalatti kufee kaasee ilmaan Oromoo impaayerattii keessatti kabajaa argatanii hin beekan.
Handhuurri Oromiyaa bulchiinsi magaalaa Finfinnee bakka itti ilmaan Oromoo irraa fayyadaman osoo hin taane bakki itti ilmaan Oromoo irraa buqqaa’anii fi keessatti dararaman ta’uun orma qananiisaa ilmaan Oromoo salphisti.

Akka kanaanis magaalaan Finfinnee magaalaa afaan saba guddaa keessatti hin dubbatamnee taatee kan jirtu yoo ta’u inumaayyuu bara ilmaan abbaa gadaatu biyya bulcha jedhanii qoosanitti kaleessa Onkoloolessa 18,2022 bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Yekkaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Qabbaanaa keessatti barattootni Amaaraa barattoota Oromoon faaruu alaabaa bilxiginnaa Oromiyaa hin faarfattan jechuun dubbii kaasanii turan.

Jeequmsa sababa kanaan uumameen poolisootni magaalaa Finfinnee mana barumsaatti barattootatti ol seenuun barattoota Oromoo irratti reebicha hamaa geggeessanii jiru.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abebee faaruun alaabaa bilxiginnaa Oromiyaa magaalaa Finfinnee keessatti faarfatamuu itti fufa jechuun haa dubbatan malee ilmaan finxaaleyyii Amaaraa afaan Oromoo dhaga’uu hin feene manneen barnootaa magaalatti afaan Oromoo keessatti akka barsiifamu taasifame cufa keessatti dhiibbaa irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Finfinnee gabaasaniiru.

Exit mobile version