Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Aanaa Liiban magaalaa Mugaayyoo keessaa Diina buqqise .
ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2022 Irree fi gaachinni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii guggubduu waraana bilxiginnaa irratti fudhateen aanaa Liiban keessaa buqqisee jira.
Har’a Onkoloolessa 21, 2022 barii barraaqaan godina Gujii Bahaa aanaa Liiban mooraa magaalaa Mugaayyoo keessa buqqisuun, kuusaa meeshalee waraanaa mooricha keessaa guutumaatti cabsuun Qawwee AKM hedduu, rasaasaa, PKM 2 fi isnaayipperii 1, akkasumas waraana hedduu ajjeessuun hedduu madeesseera.
Lola humni waloo Waraana Bilisummaa Oromoo Cibraa Soddom Booroo, Odaa Adoolaa fi Laga Dambii tarkaanfii fudhataniin meeshaalee waraanaa dugda diinaa irraa hiikkatan malee waraana nyaaphaa jiraatti booji’uun hanga ammatti humna reebuu dhufte magaalaa cinaatti ittisaa jiru.
Lola kanaan qaqqaaliiwwan ilmaan sabaa WBOn meeshaalee waraanaa hedduu dhuunfachuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchanii jiru.
Hanga gabaasni kun qindaa’etti humni dabalataa godina Gujii bahaa magaalaa Nagallee Booranaa irraa deemaa jiraachuun beekameera.
Lolaan malee tola hin jiru bilisummaan!
Injifannoon Uummata Oromoof!

