Godina Baalee Lixaa Aanaa Agaarfaa keessatti maqaa WBO deggertu jedhuun manneen uummata 20 guban.
ONM-ABO Onko 25, 2022
Murni bilxiginnaa dararaa uummata irraan ga’u akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu itti fufuun godina Baalee Lixaa ona Agaarfaa keessatti manneen namoota hedduu gube. Akka kanaanis baatii Fulbaana darbe keessa murni ilmaan Oromoo lafa irraa dugugee barcuma isaa jabeeffatee jiraachuu barbaadu bilxiginnaan waraana taayitaa isaa akka tiksaniif bobbaase fayyadamuun ilmaan Oromoo irratti daba hojjechuu bare, manneen qonnaan bultoota 20 ona Agarfaa ganda Odaa Nageellee keessaa gubanii barbadeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. Murni bilxiginnaa waraana maallaqaan goyomsee bobbaasetti dhimma ba’uun yakka namoomaa ajjeechaa, saamichaa, hidhaa buqqaatii fi manneen gubuu fayyadamaa jiraachuu kan ibsan maddeen, sirnichi bakka diddaan uummataa jiru cufaatti qabeenya uummataa maqaa qabsoo sirnicha irratti geggeeffamaa jiru deggertan jedhuun lubbuu fi qabeenya balleessuun hojmaata taasifatee hojjechaa jira. Manneen gubuu, ajjeesuu, buqqaasuu fi hidhuu bira darbee erga Onkoloolessa 19,2022 irraa qabuun bifa haaraan haleellaa xiyyaara waraanaa geggeessaa jiruunis hammeenyummaa fi fedhii uummata Oromoo lafa irraa duguuguuf qabu olaanaa ta’u agarsiisuu dha jechuun jiraattonni rakkoon kun irra ga’e maddeenitti himaniiru.

