Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kabajamoo dhaggeeffattoota Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, tamsaasni raadiyoo dheengadda Onkololeessa 31, 2022 irraa qabee hanga kaleessa Sadaasa 1, 2022tti tamsaasni yeroo isaa eeggatee sa’a 12:00-12:30tti taasifamaa akka hin turre komii dhaggeeffattoota irraa nu ga’aa tureen adda baafanneerra

Kabajamoo dhaggeeffattoota Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, tamsaasni raadiyoo dheengadda Onkololeessa 31, 2022 irraa qabee hanga kaleessa Sadaasa 1, 2022tti tamsaasni yeroo isaa eeggatee sa’a 12:00-12:30tti taasifamaa akka hin turre komii dhaggeeffattoota irraa nu ga’aa tureen adda baafanneerra.

Madda rakkoo kanaas dhaabbata kireessaa tamsaasaa sana irraa adda baafachuun, yeroon tamsaasaa jijjiiramuu hubanneerra.

Kanaafis yeroon Raadiyoon Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa sagaleen qabsoo bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo bal’aa inni haaraan torbanitti yeroo shan ( Wiixata, Kibxata, Roobii,Jimaataa fi Sanbata ) akka lakkoofsa impaayeera Itoophiyaatti sa’a 1:00-1:30tti Metr Band 19 KHZ 15400 irratti kan tamsaasu ta’a.

Maarree uummatni keenya hojii oolee, horii isaa galfatee sa’a gadi taa’etti eegala.

Odeeffannoo dhugaa Oromoo fi Oromiyaa akkasumas Oolmaa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoof Raadiyoo keessan sa’a eegatii saaqqadhaa!

Sagalee Cunqurfamootaa.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version