Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellam Wallagga aanaa Sayyoo keessatti Waraanni murni PP mana nama tokko guban.

Godina Qellam Wallagga aanaa Sayyoo keessatti Waraanni murni PP mana nama tokko guban.

ONM – ABO – Sadaasa 7, 2022 Murni ilmaan Oromoo balleessuuf tooftaalee garaagaraa fayyadamuun cinaatti waraana isaa bobbaasuun saamsisaa gariin ammoo gubaa qe’e namoota hedduu iyyoomsaa turan har’a illee hin dhabne. Haaluma kanaan godina Qellam Wallaggaa aanaa sayyoo Ganda Miinkoo Leencaa keessatti mana obbo Baayiluu Xilahuun jedhamu abbaa ijoollee lamaa kan ta’e Sadaasa 4, 2022 halkan toora sa’a 5:00tti waraanni murnichaa abidda itti shidanii qabeenya manicha keessa ture waliin barbadeessuun maatii isaa guutuu hiyyummaa hamaaf saaxilaanii jiru.

Yeroo ammaa uummanni Oromoo Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti yakka hojjetee osoo hin taane Oromoo waan ta’eef lubbuu dhabaa fi qe’ee isaa irraa buqqaafamaa kan jiran ta’uu isaan obbo Baahiluu Xilaahuunis yakka raawwatee osoo hin taane WBO deggerta sababa jedhuun jireenyi isaa mancaasanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version