Lola guyyoota dheeraa booda gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo magaalaa Najjoo keessaa weerartuu buqqise.
ONM-ABO Sadaasa 7, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii guggubduu waraana bilxiginnaa irratti fudhachuun diina aanotaa fi bulchiinsa magaalotaa keessaa buqqisuu itti fufuun bulchiinsa magaalaa Najjoo keessaa waraana faashisticha Abiy Ahimed buqqisee jira.
Lola godina lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Najjoo keessatti Kamisa Sadaasa 3, 2022 eegalee waraana bilxiginnaa irratti WBOn walitti fufiinsaan guyyoottan shan geggeesseen har’a Sadaasa 7, 2022 mooraa magaalaa Najjoo keessaa guutummaatti buqqisuun injifannoon goolabeera.
Yeroo ammaatti harcaatota waraana bilxiginnaa baadiyaa aanaa Najjoo daandii Kamaashii geessu irraan dirree keessa ari’uun du’aa fi madoon adabaa fageessaa jira.
Tarkaanfii kanaan hanga gabaasni kun qindaa’etti WBOn battalatti loltoota bilxiginnaa 102 ajjeesee 218 madeessuun dishqaa 1, bireena 2, qawwee AKM 156, rasaasa AKM fi bireenaa 8245, jorooroo bireenaa akkasumas uffata waraanaa dugda diinaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Hidhamtoota siyaasaa Oromoo aanaa Najjoo fi bulchiinsa magaalaa Najjoo keessaa badii tokko malee buufata poolisii magaalichaa keessatti hidhamuun dararamaa turan 80 ol harka waraana bilxiginnaa jalaa baasuun nagaan akka maatii isaaniitti galan taasiseera.
Magaalaa Najjoo keessa yeroo ammaa uummanni mana isaa jala dhaabbatee miira gammachuu fi kolfaan guutameen baga gammadde waliin jechaa kan jiru yoo ta’u xiyyaarri waraanaa Abiy Ahimed garuu magaalattii irra marsaa jira.
Uummanni keenya haleellaa xiyyaaraa faashistootaaf akka hin saaxilamneef bakka tokkotti akka walitti hin qabamne dhaamsa dabarfanna.
Duula tarkaanfii WBOn lixa Oromiyaa keessatti Onkoloolessa 14, 2022 bifa haaraan eegaleen hanga gabaasni kun qindaa’etti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo aanota 12 fi bulchiinsa magaalaa 1 harkatti galfatee jira.
Tarkaanfiin Oromiyaa keessaa garboomfattoota buqqisuu jabaatee itti fufa!
ABO-WBO waliin irree garboomfattootaa ni cabsina!
Injifannoon uummata Oromoof!
