Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

The Oromo Liberation Army of the Southern Zone defeated and disarmed enemy forces

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:
The Oromo Liberation Army of the Southern Zone defeated and disarmed enemy forces.

ONM-ABO November 18, 2022 The Oromo Liberation Army of the Southern Zone, West Gujii Division, Gumaa Baas Brigade, Tuula Surroo Battalion conducted a surprise attack and overran the military camp at Sariiti locality, Dibicha Laluchaa village in Abbayyaa district.

In an action taken on November 17,2002 beginning around 10:00 PM, ran the soldiers encamped there, confiscated 25 rifles, uniforms, and a variety of weapons. 6 counter-insurgency police personnel were taken prisoner. In addition, 1 military patrol vehicle was destroyed.

The WBO action aimed at liberating the Oromo had continued.

Victory to Oromoo People !

Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti kaabinoota jibbiinsa Oromummaa qaban aanaalee irratti bobbaasuun uummata dararsiisuun itti fufe.

ONM-ABO Sadaasa 18,2022 Uummatni Oromoo goleelee Oromiyaa mara keessa jiraataan erga mataan nafxeenyootaa Abiy Ahimed aangoo siyaasa impaayerattiitti bu’a siyaasaa qabsoo Oromoo butuun ol ba’ee as gidiraa malee nagaa fi tasgabbii argee hin beeku.

Murni sababoota garaagaraan uummaticha dararuu aadaa godhate torbee kana kaabinoota godina Iluu Abbaa Booraa aanota godinichaa cufatti bobbasuun ilmaan Oromoo waltajjii, hidhaa fi saamichaan waraana bilxiginnaa waliin qindaa’anii boossisaa jiru.

Aanota karoora hiraarsaa bilxiginnaan rakkachaa jiran keessaa tokko kan taate aanaan Daarimuus uummatni aanichaa kaabinootaa fi waraana bilxiginnaan ba’aa fi gala rakkatee maqaa waltajjii akkasumas ijaarsa garee, seelii diinaa baasuu fi daandii idaa’amuu jedhuun hojii dhaabee waltajjiin qoramaa oola.

Kaabineen godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuutti ramadamee uummata Oromoo dararaa jiru kun bulchaa aanaa Aallee kan ture Andu’aalem Mulaatuu kan jedhamu yoo ta’u miidhaa sabboontota Oromoo irraan ga’aa tureen itti gaafatamaa waajjira ispoortii godina Iluu Abbaa Booraatti guddisanii amma ammoo dirqama jibbiinsa Oromummaa fudhachuun uummata aanaa Daarimuu waraana bilxiginnaa waliin ta’uun hidhaa, reebaa fi saamaa akka jiru maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa godina Iluu Abbaa Booraa gabaasaniiru.

Exit mobile version