Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Oromiyaa Bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti dargaggoota Oromoo hidhuu fi daraaruun jabaatee itti fufe

Baha Oromiyaa Bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti dargaggoota Oromoo hidhuu fi daraaruun jabaatee itti fufe.

ONM – ABO – Sadaasa 26, 2022 Gareen aangoo impaayeerattii of harkaan qaba jedhuu bilxiginnaan afaanii diimookiraasii lallaabaa qabatamaan garuu ilmaan Oromoo nagaa ba’anii galuu fi nagaan akka hojii dhuunfaa isaanii hin geggeffannee gochuun Oromiyaa goleelee garaagaraa keessatti hidhaa fi dararrini jabeessanii jiru.

Sadaasa 23, 2ä022 baha Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa ganda Qafiiraa jedhamuu keessatti dargaagoo maqaan isaa Burqaa Jamaal jedhamuu ati Waraana Bilisummaa Oromooti ittiin jechuun qabanii reebicha ulfaataa erga irraatti raawwataniin booda mana hidhaatti darbaachuun achiitis murtoo tokko malee dararaa jiraachu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaati himaniru.

Kana malees hiriyoota dargaggoo Burqaa Jamaal maqaa Waraana Bilisummaa Oromootiin adamsamaa waan jiraniif bulchiinsa magaalaa Dirree ganda Qafiira keessaa baqachun bakka biraatti godaana akka jiran maddeen magaalichaa himuun, dargaggoota egeree biyyaatiif abdachisoi ta’an ajjeessuu, hidhuu fi doirsiisuun kufaatii impayerattii yoo saffisiise malee hin hambisu jedhaniiru.

Exit mobile version