Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Muddee 1 Yaadannoo ajjeechaa abbootii Gadaa Karraayyuu ilaalchisuun Qophii addaa qophaa’e

Muddee 1 Yaadannoo ajjeechaa abbootii Gadaa Karraayyuu ilaalchisuun Qophii addaa qophaa’e.

ONM-ABO Muddee 1,2022 Sanyii duguggaa sirni nama nyaataan PP abbootii gadaa Karrayyuu jilaa Gadaa Michillee irratti raawwate waggaa 1ffaa yaadachuun guma isaanii bilisummaa fi walabummaa ilmaan Oromoo cufa gonfachiisuun ni baasna.

Gochii fokkotaan Oromummaatti qiyyaafate akkanaa kun sirnoota darban kam keessatti illee Oromoo irratti ta’ee kan beekne seenaa keessatti gochaa duguuggaa sanyii Saba Oromoo fi eenyummaa isaatti aggaammateedha.
Sirni Afaan Oromoo dubbatu kan firii warraaqsa Oromoo butuun gara aangootti ol bahee kun hayyoota mataa Gadaa abbootii Gadaa Karraayyuu jila waliin turan dabalatee jumlaan ajjeese.
Hayyoonni guyyaa tokkootti diina kanaan akka qoosatti ajjeefaman kana caasaa gadaa keessatti as baasuuf Gadaan Michillee waggaa 40 kan itti fudhate ta’uu maanguddootni fi hayyoonni ona Fantaallee ni dubbatu.

Diinni Oromoo fi Oromummaa balleessuuf lolaa ofii Oromoo irraatti baneen cinaatti daboo diinota innikkaa fi tarsiimoo Oromoo warra ta’an waammachuun Oromummaa lafa irraa duguuguuf sagantaa qabateen guutummatti ajjeechaa jumlaa, duguuggaa sanyii, saamicha diinagdee, hidhaa, godaansaa fi manca’iinsi qe’ee Oromoo irra ga’e kan sirnoota darbaan kamirrayyuu daran hamaadha.
Ajjeechaan abbootii Gadaa Karraayyuu irraatti taasifamee kun qaama Oromoo cabsuun mirga abbaa biyyuummaa isaa gaafatee akka qe’ee isaa irratti abbaa hin taaneef diinan duula itti banameeti.

ABO-WBOn sirna nama nyaataa Oromoo akka sabaatti duguuggaa itti labsee fixaa jiruu kana seenaa keessatti bara baraan kan yaadatamuu qabuuf ajjeechaan akkanaa kun ajjeechaa saganteeffamee Oromoo hoggaanaa fi abboota malee hambisuuf diinni abbaalee raawwate waan ta’eef sirni abboota Oromoo nagaa fixee kun diina innikaa Oromoo sagantaa Oromiyaa cabsuu Minilik eegalee fiixan baasaa jiru ta’uu akka uummanni keenya beeku hubaachisna.

Waraanni Bilisummaa Oromoo duula duguuggaa sirna faashistii Itoophiyaan Oromoon irratti baname ofi irraa qolataa onoota Oromiyaa dhuunfachuun gabroomfataa qe’ee Oromootti gadda uwwise kana buqqisaa, dhalootas jalaa itti leenjisuun mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo gabbisuun qabsoo Bilisummaa Oromootti iggiitii tolchuuf wareegama lubbuu kennee hojiin agarsiisaa Jira!
Muddee 1 guyyaa hayyoonni fi hoggaantoonni Gadaa Michillee diina qe’ee Oromoo weerareen jumlaan lubbuu obbaafaman kanaas hunduu akkuma hojii itti jiruun lolaan kan yaadataa oola.
Dabalataan warreen umrii kolonii Oromiyaa irratti dheeressuuf sirna nama nyaataa faashistii kana akka Oromootti waamanii lolaa Bilisummaa WBOn gaggeessaa jiruu akka lolaa Oromoo fi Oromoo gidduutti deemaa jiruutti ibsuun qabsoo Bilisummaa Oromoo busheessaa, gad xiqqeessaa jiraniif sirni Itoophiyaa kun sirna Oromoo akka hin taanee, seenaa keessatti sirnaa addatti baasee Oromoo qooduun Oromummaa balleesse Oromiyaa cabsuuf ifaatti waraana Oromoo irraatti labse ta’uun hubatamuu qaba.

Humni lafoo hanqannaan haleellaa xiyyaaraa bara TPLF’llee hin turree Oromoota nagaa irratti sirni gaggeesse kun diina Oromoo kan yeroo kamiitiin olitti diina hamaa ta’uun beekamuu qaba.

Walumaagalaatti ilmaan Oromoo sirna namaa nyaataa kana waliin hiriirtanii waraana weeraraa Oromiyaa irratti baname kanaatti gumaacha Oromiyaa diiguutti hirmaataa jirtan haala Oromoon keessa jiruu madaaluun yeroon itti bineensa Oromoo ciniinee irratti du’uuf jiru kanaatti qawwee keessan deebisuun WBO waliin hiriiruu qabdaan amma akka tahee isin yaadachiisna.

Uummanni Oromoos du’aa, gidiraaf duguuggaa sanyii baraan keessa jirruu keessaa baanee yeroo xumuraaf nagaa hawwiinutti ba’uuf fallii tokkiichi karaa qabannee jirrutti deemsa ABO-WBO waliin eegalamee jabinaaf tokkummaan itti fufuun gara duraatti tarkaanfatuun qabsoo Bilisummaa Oromootti yeroon goolabbii goonu amma waan ta’eef ga’ee ba’achaa jirtan daran itti fufuun keessan murteessaa dha.

Kanaafis uummanni keenya mirga uumamaa ofittisuu qabuu dhimma ba’uun diina qe’eetti Oromoo duguugaa jiru jala taa’anii du’uu irraa gara ofi ittisuun diina ofirraa loluutti akka ce’uu qabu haalli amma jiru ni dirqisiisa.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoos gocha abaaramaa murna bilxiginnaan abbootii gadaa Karrayyuu irratti raawwatame balaaleffachuun cinaatti raawwattoota gocha hojjettoota sirna bilxiginnaa bakka cufatti du’aan adabaa jira.
Fuuldurattis tarkaanfii murna bilxiginnaa buqqisuu jabeessee itti fufuun guma hayyootaa fi abboota keenyaa sirna kolonii saba keenya irraa cabsuun bilisummaa fi walabummaa ilmaan Oromoo mara gonfachiisuun ni baasuuf dirqama dachau fudhatee WBOn socho’aa jira.

Egaan impaayerri Itoophiyaa jaarrolii biyyaa kanneen akka Dararaa Kafanii Ambootti Abbootii gadaa Gujii fi Booranaatti , Jaarrolee biyyaa Baalee, Harargee fi Arsiitti ajjeesaa tureera ammallee hin dhaabne.

Hayyuu seenaa fi Argaa dhageettii aab Dabbasaa Guyyoos bulchitoota impaayera Itoophiyaa leellisaniin butamee dhabame.
Har’as namootni haqaaf dubbatan hayyoonni, daldalaan, barsiisaa fi jaarrolee hedduun bakkoota adda addaatti du’aa fi qabamanii hidhamuun murtoo malee mana hidhaatti dararaa argaa jiru.
Kun waliigalatti kan nutti agarsiisu tokkummaan kaanee sirnicha falmannee ofirraa darbuun filannoo xumuraa ta’uu waan ta’eef ilmaan Oromoo fuula isaanii gara sirnicha balleessanii mootummaa mataa isaaniin dhaabuutti deebisuu qabuun dhaamsa keenya maayii ti.

Horaa bulaa deebana.

Injifannoon uummata Oromoof!

Exit mobile version