Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Barattoota Oromoo Yuunvarsiitii Madda Walaabuu fi Wallaggaa Damee Gimbii kanneen gocha sanyii duguuggaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuuf hiriira ba’an irratti eebichaa fi hidhaan geggeeffame

Barattoota Oromoo Yuunvarsiitii Madda Walaabuu fi Wallaggaa Damee Gimbii kanneen gocha sanyii duguuggaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuuf hiriira ba’an irratti eebichaa fi hidhaan geggeeffame.

ONM – ABO – Muddee 13, 2022 Murni faashistii bilxiginnaa koloneel Abiy Ahimediin hogganamu waraana isaa bobbaasee barattoota Oromoo harka duwwaa duguuggaa sanyii saba isaanii irratti raawwachaa jiru mormuuf Yuuniversiitiilee Madda Walaabuu fi Wallaggaa Damee Gimbiitti hiriira ba’an reebichaan tamsaasuun qabee hidhee jira.

Hiriira kaleessa Muddee 12, 2022 ganama lagannaa ciree irraa Yuunivarsiitii Madda Walaabuu keessatti eegaleen barattoonni wal gurmeessuun dhaadannoolee jajjabaa sirnicha hundeen raasu geggeessuu eegalanitti waraanni bilxiginnaa boombii imimmaanessaa itti darbuunii fi uleen reebuun miidhaa qaamaa irraan ga’anii barattoota 20 ol ta’u

Miidhaa reebichaan irra ga’e malee barattoonni waraana bilxiginnaan qabamanii hidhaman 15 ta’uun ibsameera.

Yuunivarsiitii Wallaggaa Damee Gimbii keessatti waraanni faashistii PP barattoota uummata isaaniif sagalee ta’uuf lagannaa nyaataa irraa qabuun mormii dhageessisuu eegalan kaleessa Muddee 12, 2022 ganamaan mooraatti ol itti seenuun poolisootni federaalaa reebicha irraan ga’uun gariinis qabanii hidhaatti darbanii jiru.

Reebichi barattoota duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru balaaleffachuuf ba’a irratti raawwatu guyyuma kaleessaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Gimbii keessatti raawwachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version