Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 4 sirnicha ganuun godina baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti harka kennatan

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 4 sirnicha ganuun godina baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti harka kennatan.

ONM – ABO – Muddee 27, 2022 Humnaa fi goyomsaan hojii idilee isaanii irraa, mana amantaa, gabaa fi manneen barnootaa irraa dargaggoota Oromoo qabuun leenjii kenneefii du’anii akka isa jiraachisaniif kan bobbaafaman dhalattootni Oromoo murna akeeka cubbamaa Oromoo balleessuuf hojjechaa jiru gabuun WBOtti harka kennachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan kaleessa Muddee 26,2022 ilmaan Oromoo miseensa Raayyaa Impaayera Itoophiyaa ta’uun tajaajilaa turan adeemsa murni bilxiginnaa finxaaleyyii Amaaraa waliin ta’uu duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru, hidhaa, saamichaa fi tuffii Oromummaa mooraa waraana bilxiginnaa keessa jiru mormuun qawwee AKM 4, rasaasa 600, hidhannoo 4 fi boombii 2 qabatanii gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.

Ilmaan Oromoo kun gaaffii fi deebii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti armaan dura lola isaan hin ilaallannetti hirmaachuun Tigraay keessatti akka qabamanii turan kan himan miseensotni waraana bilxiginnaa kun, erga achi dhufanii Amboo mooraa Sanqalleetti buufamanii harki caalu harka duwwaa akka bobbaafaman himan.
Sana booda meeshaan waraanaa erga kennameefii WBO naannoo mooraa Gudayyaa Biilaa jiru quunnamanii akka ba’an himuun ilmaan Oromoo sirnicha keessatti hafanii tajaajilaa turan sirnicha gananii yeroon qabsoo saba isaaniitti akka makaman waamicha taasisanii jiru.

Exit mobile version