Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Bishooftuu keessatti dargaggoota hojii humnaa hojjachuun of jiraachisan irratti dararaan garee maafi’aa PP irratti hammaachuun dargaggoonni hedduun hidhamanii rakkachaa jiru

Magaalaa Bishooftuu keessatti dargaggoota hojii humnaa hojjachuun of jiraachisan irratti dararaan garee maafi’aa PP irratti hammaachuun dargaggoonni hedduun hidhamanii rakkachaa jiru.

ONM – ABO – Muddee 28, 2022 Gareen addatti dargaggoota Oromoo irratti xiyyeefachuun hojjachaa jiru bilxiginnaan ilmaan Oromoo Oromiyaa bakkeewwan hedduutti adamsee hidhaa jira.

Haaluma kanaan bulchinsa magaalaa Bishooftuu keessatti dargaggoota Warshaa China keessaa hojjataa oolanii halkan sa’a sadiin galaa turan Muddee 25,2022 hidhattootni garee maafi’aa PP karaa irraa qabuun konkolaatatti naqanii waajjira poolisii magaalichaatti hidhanii dararaa jiru jechuun maddeen himan.

Dargaggoonni hidhaman kunneen lakkoofsaan hedduu yoo ta’an waraqaa eenyummaa isaanii kan iddoo hojii isaanii fi ganda isaanii qabatanii itti agarsifatanis isin deggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun gaaffi tokko malee mana hidhaatti darbaniiru.

Kana malees kaabinoonni fi waraanni garee kanaa bulchinsa magaalattii keessatti namoota mana kireessan mana mana isaanii irra deemuun namoota mana keessan kireeffatanii jiran waan isaan hojjatan hordofaa nun ga’a akkasumas namoota fuula haaraas yoo argitan nu beeksisaa yoo kana hin goone tarkaanfii cimaan isin irratti fudhatama jechuun doorsisaa akka jiran maddeen dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version