Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Harargee Bahaa aanaa Giraawwaa keessatti murni biltsiginnaa uummata nagaa jumlaan hidhaa jiraachuun dhagaa’ame

Godina Harargee Bahaa aanaa Giraawwaa keessatti murni biltsiginnaa uummata nagaa jumlaan hidhaa jiraachuun dhagaa’ame.

ONM – ABO – Amajjii 3, 2023 Murni akka uummata Oromoo biratti balfamaa ta’uu isaa akka ofirratti barree of goyomsu biltsiginnaan hojii isaa jibbamaa kana itti fufuun Oromiyaa bakkoota garaa garaatti hidhaan uummata dararaa, saamaa akkasumas lubbuu uummata nagaa duguugaa jiraachuu yeroo hedduu irra deddeebinee gabaasaa kan turre yoo ta’u, ammas gochi kun bakkoota hedduutti itti fufa jira.
Akka kanaanis baha Harargee aanaa Giraawwaa ganda Jaarraa Abbaa Gadaa keessatti torbanoota lamaan darban kana qaamoleen murna bilxiginnaa daa’immanii qabee hanga maanguddootaatti uummata nagaa jumlaan mana adabaatti funaanaa kan jiru yoo ta’u, namoonni ganda kana irraa qabamanis gara waajjira poolisii aanaa Guraawwaatti geeffamuun akka hidhamantu dubbatama.

Namootni gandicha irraa qabamuun waajjira poolisii aanaa Guraawwaa keessatti hidhamanii jiran hedduu ta’anis, namoonni muraasni ammaaf maqaan nu qaqqabe, Najjoo Jeyilaal, Jamaaladdiin Mahaammud ,Araarsoo Kadir, Araarsoo MahaammadAmmee, Sheek Jamaal fi Moosisaa Mootii kanneen jedhaman yoo ta’u, namootni kunneen yakka tokkollee dalaganii osoo hin taane Oromoo ta’uu isaaniif qofa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu, Facebook keessan irratti suuraa WBO maxxansituu fi kkf jechuun murna shiraatiin adamfamanii mana adabaatti darbatamuun dararaa hammaataan waraana sirnichaan irratti raawwataa jira.

Achuma godina Baha Harargee aanaa Guraawwaa keessatti uggurri sochii torban tokko dura kan labsame ta’uu kan dubbatan jiraattotni, maqaa labsii kanaanis galgala sa’a tokko booda bakkeetti argamuun Yakka waan ta’eef, hojii daldalaa baha Oromiyaa godina harargee keessatti hawasni naannichaa akkuma aadaa naannichaatti halkan gaggeeffatu ergamtoota sirnichaan ittifamuun walqabatee, hawaasni aanicha keessatti argamu hojjetatee buluu dadhabaa jiraachuun, rakkoon qaalayiinsa jireenyaa aanicha keessatti akka malee dabalaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version