Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu keessatti qalaa’insi jireenyaa fi saamichi waraana bilxiginnaan uummata Oromoo irratti raawwatu hammaate

Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu keessatti qalaa’insi jireenyaa fi saamichi waraana bilxiginnaan uummata Oromoo irratti raawwatu hammaate. 

ONM – ABO – Amajjii 9, 2023 Erga Abiy Ahimed aangootti ol ba’ee as jireenyi uummata impaayerattii kan duraa irra kan gadi bu’e ta’uun uummatni maallaqa xiqqaa argatuun meeshaa gatii guddaan bituun jiraachuun itti ulfaataa jira.

Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu keessatti gatiin meeshaalee bu’uuraa zayitii, Sukkaaraa,mi’eessituu akkasumas  xaafii, qamadii fi boqqolloo garmalee dabaluun uummatni bitee nyaachuuf itti ulfaachaa jiraachuu himu.

Magaalicha keessatti galiin namootni argatan gadi aanaa ta’uu fi gatiin bittaa meeshaalee dukkaana akkasumas mana kuusaa irraa dabaluun jireenyicha hammeessee jira.

Kana malees waraanni bilxiginnaa magaalaa Mattuu abbootii qabeenyaa doorsisanii maallaqa irraa fuuchuu fi namoota daandii gubbaa deeman akkasumas konkoolaachistoota irraa guyya guyyaa qarshii saamaa jiraachuu dubbatu.

Namootaan maallaqa nuuf kennaa account keessan irratti isaaniif dabarsina jechuun fudhatanii kan dhorkatan yoo ta’u namoota maallaqa gaafataman didan ammoo maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo itti maxxansanii  qabanii hidhuun dararaa akka jiran jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version