Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni murna bilxiginnaa mootummaa naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa keessatti WBO’tu magaalattii rukutuu dhufa jechuun ilmaan Oromoo irraan miidhaa ga’aa fi magaalaa gooolaa turuun barame

Waraanni murna bilxiginnaa mootummaa naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa keessatti WBO’tu magaalattii rukutuu dhufa jechuun ilmaan Oromoo irraan miidhaa ga’aa fi magaalaa gooolaa turuun barame.

ONM – ABO – Amajjii 9, 2023 Erga Amajjii 5,2022 aanaan magaalaa Gambeelaa daangessitu Anfilloon waraana bilisummaa Oromoon rukutamuun humni diinaa keessaa buqqa’ee magaalaan Gambeelaa raafama guddaa keessa seentee jirti.

Dhukaasa magaalaa Muggii keessatti ta’aa tureen kan rifate murni bilxiginnaa Gambeelaa, waraana isaa guyyuma sana magaalattii keessatti bobbaasuun uummata shororkeessaa fi hidhaan turan.

Kanneen addatti xiyyeeffatamanii hidhaman ilmaan Oromoo yoo ta’u guyyoottan arfan kana namootni 100 ol Oromummaa qofan yakkamanii hidhamanii jiru.

Magaalaa Gambeelaa keessatti oduu Waraanni Bilisummaa Oromoo dhufa jira jedhuun waraana magaalaa bosona karaa miilaa aanaa Anfilloo ganda Waabaa geessuu fi magaalaa Seertumii geessu  akkasumas magaalaa keessa labsiisuun uummata mana cufsiisaa hanga guyyaa har’aa Amajjii 9, 2023tti goolamiinsi taasifamaa jiru hedduu dha.

Sababa kanaatiif uummatni magaalaa keessaa gara baadiyaa aanichaatti baqachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Exit mobile version