• Thu. Apr 25th, 2024

Caasaaleen murna faashistii Itoophiyaa godina Baha Harargee  aanaa Guraawwaa uummata nagaa hidhaatti funaanuu hammeessan

Jan 16, 2023

Caasaaleen murna faashistii Itoophiyaa godina Baha Harargee  aanaa Guraawwaa uummata nagaa hidhaatti funaanuu hammeessan.
 
 
ONM – ABO – Amajjii 16, 2023 Murni maafi’aa moggaasa maqaa mootummaa jedhuun of waamu Biltsiginnaan, Oromiyaa keessatti uummata nagaa jumlaan hidhaa kan jiru yoo ta’u, godina Baha Harargee  aanaa Guraawwaa keessattis caasaalee sirnichaan namootni nagaan qabamanii mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiraachutu himama.
 
Akka  kanaanis godina Baha Harargee bulchiinsa magaalaa Guraawwaa keessatti maqaa ati Waraana Bilisummaa Oromoo deggarta jedhuun baatii tokkoon dura nama Araarsoo Kadir jedhamu qaamoleen murna  faashistii Biltsiginnaa aanichaa qabuun waajjira poolisii aanaa Guraawwaa keessatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni dubbataniiru.
 
Itti dabalees aanichuma keessatti gaafa amajji 11, 2023 caasaaleen sirnichaa obboleeyyan lamaan Firoomsaa Maammadii fi Duulaa Mahaammad jedhaman barattoota kutaa kurnaffaa baratan ilmaan abbaa tokkoo mana tokkicha keessaa qabuun mana hidhaatti kan darbatan ta’uun ibsameera.
Akka jiraattotni jedhanitti namootni hidhaman kunneen waraana faashistii PPn hiraarfamaa jiraachuu himuun hidhaan alattis doorsisni lubbuu isaanii irratti geggeeffamaa jiru ol aanaa ta’uu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading