• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina lixa Shaggar Aanaa Ambootti gochoonni saamichaa fi manneen qotee bulaa gubuu akkuma itti fufetti jira

Jan 16, 2023

 
Godina lixa Shaggar Aanaa Ambootti gochoonni saamichaa fi manneen qotee bulaa gubuu akkuma itti fufetti jira.
 
 
ONM – ABO – Amajjii 16, 2023 Maqaa duula ijibbaataatiin faashistoonni sirna PP lixa Shaggaritti bobba’an WBO nyaachiftan jechuun namoota nagaa akkuma hiraarsanitti jiru.
 
 Amajjii 13, 2023 aanaa Amboo ganda Kaarraatti mana qotee bulaa Oromoo Obboo Qumbii Taammanaa mi’a mana keessa cufa waliin guban.
 
Akka jiraataan ganda Kaarraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himetti obbo Qumbii Taammanaa mana jireenya guddaa ji’a Caamsaa darbes qabeenya mana keessa cufa waliin abiddaan jalaa barbadeessanii kan turan yoo ta’u gargaarsa uummataatiin deebisee kan ijaarrate marsaa lammaffaaf jalaa guban.
 
Kana malees magaala amboo ganda Awwaaroo Kooraa 06tti mana baallee 230 ijaarsisee ture qabeenya mana keessa kan qarshii kuma dhibbaa olitti tilmaamamu waliin Amajjii 1, 2023 jalaa diiguun hojii ala godhan.
 
Ilmaan Oromoo of jireessuu irra darbanii namaaf ta’uu danda’an hedduun waanuma quuqama Oromummaa qaban qofaaf maqaa hin jirre itti maxxansuun qabeenya isaanii baadiyaa hanga magaalatti barbadeessaa, lubbuu isaanii gaada kan jiru sirni PP gochaa isaa kana hammeessee waan jiruuf  nagaa argachuuf sirnichaa ofirraa kaasuu qofatu falaa kan jedhan jiraattota  ganda aanaa Amboo ganda Kaarraati.
 

Leave a Reply