Godina Booranaatti ergamtoonni sirna PP hidhaa hammeessanii jiraachuu jiraattonni dubbatan.
ONM – ABO – Amajjii 17, 2023 Hidhaan sabboontotaafi maatii qabsaa’otaa hiraarsuu irratti qiyyaafate Oromiyaa mara keessatti hojii irra oolu, karoora sirnichi baasuun diriirse hojii irra oolaa kan jiru yoo ta’u, Godina booranaa Aanaa Areeroo keessatti Qeerroo baay’ee qabuun mana hidhaatti guuruun dhaga’ame.
Akka jiraattonni Aanaa Areeroo Ganda Diidaa dubbatanitti amajji 16, 2023 tiksitoonni sirna Nafxanyaa Qeerroofi maatii qabsaa’otaa guuruu mana hidhaatti darbataa turuu dubnataniiru.
Badii tokko malee Oromummaan yakkamuun mana hidhaatti kan darbataman heedduus ta’an kanneen maqaa isaanii ammatti arganne:-
1, Sherqaa Dambaalaa Kuluulaa
2, Liiban Dabbassoo Liiban
3, Dalaati Bukkee Jaldeessaa
4, Halakee Bulee Dullachaa
5, Saaraa Gabaabo Diidaa
6, Jaarsoo Halakee
7, Busuulaa Boruu Kunee dha.
Akkuma walii galaatti yeroo hongee hamaan bu’ee jiru kanatti, dargaggoota hojii hojjetanii maatii ofii bulchan hidhuun fixinsa sanyii waan ta’eef, falmaa jabeessuun fala filannoo hin qabne ta’uu qeerroon Aanaa Areeroo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.