Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Addi Bilisa Baasaa Uummata Agawoo ALF dhalattoota Agawoo godinaa hanga naannootti murna bilxiginnaa waliin uummata isaanii miidhaa jiraaniin gaafatama seenaa jalaa akka hin baane hubachise

 
Addi Bilisa Baasaa Uummata Agawoo ALF dhalattoota Agawoo godinaa hanga naannootti murna bilxiginnaa waliin uummata isaanii miidhaa jiraaniin gaafatama seenaa jalaa akka hin baane hubachise.
 
ONM – ABO – Amajjii 17, 2023 Addichi ibsa kaleessa fuula Facebook isaa irratti maxxanseen akka jedhetti daandii nagaaf deemuu qaban deemuun kallattiis kaa’uu ibsanii daandichi cufaa waan ta’eef gaaffii saba isaaniif furmaata waan ta’u qabsoo hidhannoo akka filatan eeran.
Itti aansuunis qabsoo eenyummaa saba Agawoo gadhaabuuf taasifamaa jiru dura kanneen dhaabbatan namoota dhalootaan Agawoo ta’anii hoggansa godinaa hanga mootummaa naannoo Amaaraa keessa jiraniif seenaan akka isaaniif hin dhiisne akeekaniiru.
 
Sababni isaas namootni kun diinota saba Agawoo waliin ta’uun uummata Agawoo irraan beela, buqqaatii, baqa, qoricha dhorkachuun rakkisaa fi yaala dhabuun dubartootni akka du’an gochuun rakkina uummaticha irra ga’u dantaa siyaasaaf oolfachaa waan jiraniif gocha isaanii kanaaf seenaan akka isaan ceepha’uu fi uummatni akka isaaniitti murteessu barruun kun ni ibsiti.
 
Addi Bilisa Baasaa Uummaata Agawoo ( Agaw Liberation Front) ALF impaayera Itoophiyaa keessatti daandiin qabsoo karaa nagaa waan cufameef qawwee kaasuun Agawoon mootummaa naannoo Amaaraa jalaa baatee lafa eenyummaa isaanii ibsu irratti naannoo ta’uun hiree ofiin of bulchuu argachuuf kan qabsaa’aa jiran yoo ta’u finxaaleyyiin Amaaraa fi murni bilxiginnaa fedhii saba eenyummaan isaa  hin beekamnee kan Walloo fi Qimaanx gaaffii osoo irraa qababii nama cufa Amaaran waamuu barbaaduun saba gaaffii dhugaa qabutti waggoottan lamaan darbaan waraana bobbaasee miidhaa irraan ga’aa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version