ONM – ABO – Amajjii 17, 2023 Sababoota gara garaan habashoonni golee Oromiyaa keessa faca’anii jireenya mataa isaanii gaggeeffachaa kan jiran yoo ta’u, baroota dheeraaf Oromoo waliin wal danda’uun jiraataa kan turaniiru.
Yeroo ammaa kanatti garuu murnibilxiginnaa, abbootiin qabeenyaa habashootaa fi humnoota finxaaleyyii Oromiyaa keessaa fi Oromiyaan ala jiraatan hidhachiisuun Oromootti duulchisuu irratti argamu.
Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gawoo Qebbee keessa habashoonni bifa qubannaan jiraataa turan ganda Tulluu Shimalaa keessatti gurmaa’uun murna PPtiin hidhachiifamanii bifa Riphee Lolaan Tulluu Shimalaa keessa qubachuun uummata gandichaa ajjeesaa fi saamaa jiraachuun beekameera.
Gareen kun nama maqaan isaa Zeenuu jedhamuun kan hoogganamu yoo ta’u, kanaan duras deggersa murna bilxiginnaatiin ajjeechaa suukkaneessaa Oromoo irratti raawwataa turuu maddeen keenya onicha irraa gabaasaniiru.
Paarkii Dhaatii Walal keessa maadheffatee kan jiru gareen kun manneen uummataa gubuu, namoota meeshaan doorsisanii saamuu akkasumallee ajjeesuu irratti bobbaa’anii kan jiran ta’uu kan himan maddeen dirqama kana bulchitoota aanaa irraa fudhachuun socho’aa jiraachuus ibsaniiru.