• Sun. Oct 1st, 2023

Baha Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti dararaa, saamichaa fi hidhaan uummata Oromoo irratti raawwatu itti fufe

Jan 18, 2023

ONM – ABO – Amajjii 18, 2023 Murni bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa qondaaltota Mootummaa naannoo Soomaaleef kennu barbaadu bilxiginnaan magaalaatti keessatti miidhaa garaagaraa uummata Oromoo irraan ga’aa jiraachuu jiraattotni dubbatu.
 
Akka jiraattotni jedhanitti magaalaa Dirree Dhawaa keessatti namoota kanaan dura mana ijaarratan ijaarsa seeraan alaa jechuun jalaa diiguu, bakka daldalaa irraa nama ari’uu fi qabeenya daldaltoota maqaa daldala seeraan alaa jedhuun saamuun qoonqoo haadha hiyyeessaa hedduu agabsaa jiru.
 
Kana malees magaalattii keessatti maqaa inshuraansii fayyaa jedhuun maallaqa namoota irraa guuruu fi namoota Oromoo ta’anii maallaqa qaban deggeraa waraana bilisummaa Oromooti ittiin jechuun erga hidhaniin booda maallaqa guddaa kafalchiisuun dantaa ofiif oolfachaa akka jiran jiraattotni ibsu.
 
Magaalaa Dirree Dhawaa keessatti uummanni Oromoo gama tokkoon finxaaleyyii maqaa Saatanaawu jedhuun of ijaaran ofirraa eegaa, gama biraan waraana bilxiginnaa fi warreen soomaalee lafti keenya jedhan ofirraa ittisaa jireenya hadhaa’aa keessa jira.
 
Lafa Oromoo kana bara OPDO keessa  bulchiinsa  federaala jalatti haa bultu erga jedhamee lafa Oromoo  Soomaalee waliin dabaree waggaa shan shan ykn marsaa kantiibaa ta’anii bulchuun Oromoon lafa isaa irratti abbaa aangoo akka hin taane agarsiisaa jiraachuu jiraattotni dabaluun dubbataniiru.

Leave a Reply