ONM – ABO – Amajjii 18, 2023 Gareen saamichaa fi ilmaan Oromoo gidirsuuf bobbaafaman waraanni murna faashistii PP kaaba Shaggar aanoota akka Kuyyuu fi Dagam keessatti namoota baadiyaa hanga magaalaatti akkasumas konkolaataa keessaa buusuun sakattaa da’oo godhachuun saamichaa irratti raawwachaa jiraachuu uummatni aanota kanneenii ni dubbatu.
Namoonni aanaa tokko irra gara aanaa biratti konkolaatan du’a ga’iis ta’e wantoota kamoifiyyuu yoo deeman waraanni garee kanaa konkolaataa keessaa buusuun gaaffiilee garaagaraa itti dhiheessuun ati Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun yeroof of bira tuursiisuun waan namni sun qabatee jiru maallaqas fi bilbila harkaa guurrachuun reebicha humnaa olii erga irratti raawwataniin booda gad dhiisus jedhan.
Kana malees qophii keessan fidaa isin hin amanamtanii, hawaasni aanaa kanaa hundi keessanuu Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun jaarsa jaartii osoo hin jenne maallaqa isaan qabatanii jiran harkaa saamuun karaa irra tursuun bakka karoorfatanii manaa ba’an yeroon akka hin geenye yookiin akka irraa oolan taasisaa jiraachuu dubbatu.
Aanota kana lamaan keessatti yeroon dhimma tokko deemanii xumuratanii deebi’uu akkasumas gaddaas ta’e gammachuu hawaasaa deemanii hirmaachuun rakkisaa ta’uun namni hidhaa dhaabii fi gareen dhaabbata saamtotaa seera qabeessa ta’een dararaa cimaa argaa akka jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
