ONM – ABO – Amajjii 21, 2023 Giddu gala Oromiyaa godina lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Goojjoo ganda 01 keessaattii Kibxata darbe Amajjii 17, 2023 hidhaattonni murna faashistii PP mana nama dhunfaa halkan sa’a 3:00tti cabsanii ol itti seenuun reebicha sukkannessaa raawwatan.
Reebichaan alattis y akka gudeddii daa’imaa waggaa 14 barattuu kutaa 5ffaa irratti erga raawwatanii abbaa fi haadha ishees reebuun qabeenya saamanii kaanis barbadeessan.
Magaalaa Goojjoo keessatti namoonni yakkaa kana irratti qooda fudhaatan humnoota faashistii Abiy Ahimed; Sanyii Birhaanuu fi Dajaanee Araarsaa kanneen jedhamaniidha.
Namoonni kunneen kanaan duraas yakkaa wal fakkaata uummata Oromoo nannoo sanaa irratti raawwachaa turuu isaanii gabaasni achii nuu ga’ee ni addeessa.
Daa’imni yakki gudeeddii irratti raawwate kun midhaan qaamaa fi qorqalbii irra ga’uun, ishee dabalatee maatii guutuun gaddanis bakka itti iyyatan dhabanii salphina isaan qaqqabe kana baatanii taa’aa akka jiran Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

