• Thu. Mar 23rd, 2023

Waraanni raayyaa ittisa impaayerattii 2 godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doolloo irraa WBOtti harka kennatan

Jan 21, 2023

Waraanni raayyaa ittisa impaayerattii 2 godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doolloo irraa WBOtti harka kennatan.

ONM – ABO – Amajjii 21, 2023 Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo humnaan qabee leenjii waraanummaa kennuufiin sirnicha lubbuu ofii aarsaa godhanii akka tiksaniif bobbaasus, gocha isaaniitti dammaquun sirnicha dhiisanii ba’aa jira.

Kaleessa Amajjii 20, 2023 godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo irraa miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 sirnicha ganuun WBOtti harka kennatanii jiru.

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii laman kun qawwee AKM dachaatuu tokkoo fi AKM turkii 1 akkasumas rasaasa 300 fi hidhannoo 2 mooraa waraana bilxiginnaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ittiin gabbisanii jiru.

Loltootni kun sirna abaaramaa ilmaan Oromoo irratti gocha sukkanneessa raawwachaa jiru keessatti miseensa ta’anii hojjechaa turuuf uummata dhiifama gaafachuun sichitti aarsaa barbaachisu baasnee saba keenya baraarra jedhan.

Ilmaan Oromoo mooraa bilxiginnaa keessatti hafanii sirnicha tiksuuf saba isaanii ajjeesaa ofiifis du’a seenaa hin qabne du’uuf taa’aa jiran, qawwee isaanii qabachuun sirnicha gananii akka WBOtti harka kennatan dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply