• Wed. Nov 29th, 2023

Godina Gujii Lixaa keessatti Waraanni Mootummaa PP 6 moonaa diinaa ganuun WBOtti harka kennatanii jiru

Jan 24, 2023


ONM – ABO – Amajjii 24, 2023 Ilmaan Oromoo heedduun shiraan goolamanii lola isaan hin barbaachisne keessa seenuun guyyaadhaa gara guyyaatti lubbuudhaa darbaa kan jiran yoo ta’u, bakkoota heedduutti ammoo ajjeefamuun du’a seenaa hin qabne du’aa jiru.
 
Lola Kaaba impaayerittii irratti gaggeeffamaa ture irratti humni Faannoofi Miliishaa Amaaraa dhalattoota Oromoofi saboota biroo of fuuldura hiriirsisuun duubarraan itti dhukaasee ajjeesaa qawwee ammayyaa.irraa guurrataa turuu Abiy Ahimed Paarlamaa biyyittii irratti dubbatee ture.
 
Rakkoo sana keessa turuun Amajji 22, 2023 WBOtti harka kan kennatan dhalattoonni Oromoo Waraa PP keessaa turan, fuuldura nu hiriirsisuun duubarraan nutti dhukaasanii namoota heedduu nurraa fixani jechuun dubbataniiru.
 
Waraanni PP namni 3 Godina gujii lixaa Aanaa Bulee Horaa Ganda gaalee Magaadaa keessatti WBOtti harka kan kennatan yoo ta’u, hanga yoonaayyuu daandii ittiin baanu dhabnee yoona geenye malee moonaa sana keessatti namni akka firaatti wal ilaalaa jiru hin jiru, hunduu akka diinaatti wal ilaalas jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatiif qoodaniiru.
 
Bifuma wal fakkaatuun Godinuma Gujii lixaatti Amajji 23, 2023 waraanni PP namoonni 3 moonaa Diinaa diiguun WBOtti makamuun gara qabsoo bilisummaa ummata oromotti dabalamanii jiru. Humnaan butamuun gara Leenjii Waraanummaatti kan makaman ta’uu himuun moonaa diinaa keessa teenyee saba keenyatti dhukaasuun dogoggora seenaa ta’uu hubannee qara WBOtti dhufnes jechuun yaada isaanii ibsataniiru.
 
Hidhannoo guutuun moonaa diinaa hongeessanii kan ba’an Miseensonni Raayyaa Ittisa Impaayerittii, meeshaalee lolaafi hidhannoo guutuun ba’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchaniiru.

Leave a Reply