Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ilmaan Oromoo Walloo mana hidhaa Sa’udiitti hidhamaa turanii gara ganda dhaloota isaanii kabaa Oromiyaa godina Walloo deemaa turan 11 magaalaa Dabra Birhanitti konkolaataa keessaa buusuun ajjeesan

Humni dhukkabsattoota ilmaan Oromoo ambulaansii keessaa buusee ajjeese har’as madaan sun osoo hin qoorin ilmaan Oromoo maatii isaanii dubbisuuf gara qe’ee dhaloota isaaniitti deebi’aa turan konkolaataa keessaa buusee ajjeese.

Har’a ganama Amajjii 24, 2023 ilmaan Oromoo badii tokko malee mana hidhaa Sa’udiitti hidhamaa turanii impaayerattiitti deebifaman osoo isaan gara maatii isaaiitti deebi’aa jiranii namoota 11 magaalaa Dabra Birhanitti konkolaataa irraa buusuun ajjeesan.

Ilmaan Oromoo Walloo magaalaa Dabra Birhanitti yeroo adda addaa buufamuun humnoota finxaaleyyii Amaaraan bulchiinsa Abiy Ahimed jalatti ajjeefamaa kan turan yoo ta’u, gochi jumlaan guyyaa har’aa Oromoota 11 irratti raawwatu garuu adda dha.
Oromoota yeroo dheeraaf jireenya ofii jijjiiruuf gammoojjii biyyoota Arabaa qaxxamuranii milkaa’uu dadhabuun dabaan impaayerattiitti deebi’an qe’ee abbaa isaanii dhorkamuun ajjeechaaf saaxilaman.

Humnootni finxaaleyyii kun lola meeshaalee gurguddaan deggeramuun godina Walloo keessatti geggeessaa jiraniin lubbuu hedduu balleessuun qabeenyaas kan barbadeessan yoo ta’u, tarkaanfii isaanii babal’isuun daandii gubbaatti ba’anii Oromoota addaa baasuun ajjeesaa waan jiraniif ilmaan Oromoo sochii isaanii akka daangessanii fi tokkummaan dura akka dhaabbatan kan dhaammatan qeerroo bilissummaa Oromoo godina Walloo ti.

Exit mobile version