ONM – ABO – Amajjii 25, 2023 Ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti guyyaa gara guyyaatti adeemsifamaa jiru jabaatee itti fufuun Oromiyaa keessatti nagaan ba’anii galuun rakkoo ta’ee jira.
Namoota nagaa siyaasa keessaa quba hin qabne maqaa garaagaraa itti maxxansuun hidhattoonni garee maafi’aa PP lafa deeman hundatti dhiiga namaa dhangalaasaa lubbuu namootaas akka baalaa harcaasu.
Warroonni ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguuf karoorfatanii hojjachaa jiran kun Gujii lixaa aanaa Dudda Daawwaa ganda Meedannoo iddoo addaa Diimaa jedhamu keessatti nama nagaa Gannaalee Worgamaa Girjaa jedhamu guyyaa kaleessaa jechuun Amajjii 24,2023 rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattotni dubbatu.
Obbo Gannaaleen abbaa maatii 18 yoo ta’u nama hojii qonnaa hojjachuun ofii fi maatii isaa jiraachisu akkasumas siyaasa kam keessayyuu quba hin qabne akka ta’an jiraattootni kaasuun ilmaan Oromoo badii qabaatanii osoo hin taane Oromummaa qofaan yakkamanii akka ajjeefamaa jiran dabaluun ibsaniiru.

