• Thu. Mar 23rd, 2023

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 6 godina baha Wallagaa aanaa Saasiggaa fi Qellem Wallaggaa keessatti WBOtti harka kennatan

Jan 25, 2023

 
ONM – ABO – Amajjii 25, 2023 Dhaabbanni waraana bilxiginnaa summii jibbiinsa Oromummaa fi leellistummaa immiyyee Itoophiyaa irratti ijaarame diigamaa dhufuun kasaaraa dirree lolaa irratti isaan mudachaa jiruun cinaatti sirnicha gananii kanneen badanis hedduummatanii jiru.
Keessaayuu ilmaan Oromoo qe’ee isaanii irraa goyomsaa fi humnaan qabamanii leenjii fudhachuun ofii du’anii Abiy Ahimediin aangoo irratti akka tiksaniif bobbaafaman meeshaa fi hidhannoo guutuu waliin dirree qabsootti makamaa jiru.
Dheengadda Amajjii 23, 2023 godina baha Wallagaa aanaa Saasiggaa irraa ilmaan Oromoo miseensa raayyaa ittisa impaayerattii ta’an ajajaa kudhanii dabalatee mooraa sirnichaa ganuun WBOtti harka kennatan.
 
Kana malees godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Muggii keessaa miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 3 WBO bira ga’aniiru.
 
Miseensotni waraana bilxiginnaa kun qawwee turkii fi kilaashii raashiyaa 6, rasaasa 12,000, boombii 5 fi hidhannoo 6 mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ittiin gabbisanii jiru.
Miseensotni kunniin sirnichi badii ta’uu hubachuun wareegamas yoo ta’e kaayyoo eebbifamaa Oromoo bilissumsanii Oromiyaa walaboomsuu irratti ta’uu qaba malee sirna abboota keenya harkaa fi harma muree qe’ee irraa godaansiseef hin goonu jechuun, waan kanaan duraaf dhiifama gaafachuun simannaa taasifameefittis gammaduu ibsan.
 Dhuma irrattis ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’anii sirnicha tajaajilaa jiran faanaa isaanii hordofuun akka gananii WBOtti makaman dhaamaniiru.

Leave a Reply