ONM – ABO – Amajjii 25, 2023 Waraanni murna bilxiginnaa lafa nyaatan, dhuganii fi bulanitti wal loluun walitti dhukaasuu aadeffatan Dilbata darbe Amajjii 22, 2023 magaalaa Dambii Doolloo keessatti wal loluun walitti dhukaasaaniin miseensota isaanii wal irraa ajjeesan.
Waraanni murna bilxiginnaa guyyaa maallaqa namoota irraa saamaa oolaniin halkan guyyaa sanaa Hoteela magaalaa Dambii Doolloo Afrikaa jedhamee beekamu seenuun dhugaa turan wal dhibdee isaan gidduutti uumameen dhukaasa wal irratti eegalan.
Dhukaasa kanaanis miseensota isaanii lama wal irraa ajjeesuun erga dhukaasaan magaalicha jeeqaniin booda halkanuma sana reeffa konkolaataan fuudhanii waldaa Guutuu Wangaalaa Dambii Doolloo lakkoofsa 1 tti awwaalan.
Akka namootni dhugaatii dhugaa turan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanitti maddi dhibdee isaanii dubartoota hoteela Afrikaa keessaa hojjetan irratti ta’uu himaniiru.
Waraanni murna bilxiginnaa magaalaa Dambii Doolloo keessa jiran jeequmsa wal irratti himuun cinaatti walii abboomamuu dhiisuun gochoota saamichaa fi gudeeddii raawwachuu irratti kan bobba’an yoo ta’u, keessayuu waraanni lafa bashannana dargaggootaa bakka addaa Abbaa Gidoo jedhamu qubatanii jiran dubartootaa fi shamarran karaa irraa qabuun gudeedaa jiraachuun jiraataan naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

