• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina lixa Harargee aanaa Xuulloo keessatti saamichi maqaa adda addaan uummata irratti raawwatu itti fufe

Jan 28, 2023


ONM – ABO – Amajjii 28, 2023 Murni bilxiginnaa kufaatii diinagdeen fi diinagamiinsa caasaa isa mudateen aanga’ootni isaa mataa hanga gadii jiran maqaa adda addaa moggaafachuun saamicha qonnaan bultoota irratti geggeessaa jiru.
 
Godina lixa Harargee aanaa Xuulloo magaalaa aanichaa Hirnaa fi badiyoota aanichaa keessatti uummata irraa maqaa Gibiraa, hojii raawwachiistuu gandaa, daandii, nyaataa fi uffata milishaa akkasumas buusaa gonafaa fi inshuraansii fayyaa jechuun uummata irraa maallaqa isaan hin qabne guuraa jiru.
 
Magaalaa Hirnaa keessatti daldaltoota dukkaana qabanii fi jimaa gurguran irra deemuun deggersa yoo guuran kanaan alas jiraattota baadiyaa magaalaatti horii fidanii gurguran lukkuu irraa eegalee maallaqa kottee jechuun uummata jireenya itti hadheessu.
 
Murni baduuf ka’e bilxiginnaa hanqina baajetaa isa mudateen hojii aanaalee keessaa raawwachuu dadhabuun caasaa isaa qindeessee bobbaasuun saamicha ija baasaa geggeessaa waan jiruuf aanaa Xuulloo keessatti namootni miidhaa qaala’insi jireenyaa irraan ga’aa jiruun cinaatti saamicha ergamtoota sirna Minilikiin sukkumamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasanii jiru.

Leave a Reply