ONM-ABO 29 Amajjii 2023 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii bahaa keessa socho’u cibraan Odaa Adoolaa aanaa Waadaraa ganda Diilalleessaa reebaa iddoo addaa Odaa Ollaa jedhamutti Amajjii 23, 2023 tarkaanfii haleella waraana garboonfataa PP irratti fudhatee jira.
Guyyuma sana yeroo lamaffaaf itti deebi’uun aanuma Waadaraa ganda Gadamsoo iddoo addaa Mallayyaa jedhamutti tarkaanfii cimaa fudhatee jira.
Lola gurguddaa bakka lamatti Jimaata darbe geggeessen loltoota faashisticha Abiy Ahimed 40 battalatti ajjeesee 37 ammoo madeessuun of duuba deebisee injifannoo boonsa galmeessee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!