• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu Keessatti sabboontota ilmaan Oromoo doorsisuu, hidhuu fi hawaasa saamuun jabaate

Jan 31, 2023

ONM-ABO Amajji 31, 2023 Murni gadaa aangoo isaa dheereffachuuf bulchiinsa waraanaa hawaasa irratti labsee jiru bilxiginnaa, waraana isaa dantaa isaa akka guutaniif bobbaaseen uummata nagaa dararsiisaa jira.

Torbee darbe keessa godina Iluu Abbaa Booraa ona Daarimuu gandoota magaalaatti dhiyoo jiran keessatti sabboontota ilmaan Oromoo adda baasuun isintu Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabaa fi armaan duras aanaa kana fidee, bulchiinsa bilxiginnaa kan buqqisiise isini jechuun doorsisaa fi hedduu isaanii hidhan.

Hidhaa irratti geggeessaa jiraniin cinaatti sabboontota qabeenya qaban qabeenya WBOti jechuun konkolaataa dhaabanii miidhaan manneen namoota kanaa keessaa fe’atanii deemu.

Hidhaa fi reebichi akka aanichaatti jabaa ta’uun daa’immanii hanga maanguddootaatti yakka tokko malee hidhamaa fi hidhaadhaa gadhiifamuuf qarshii 30,000 fi isaa ol gaafatamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Daarimuu gabaasaniiru.

Leave a Reply