ONM-ABO Amajji 31, 2023 Murni bilxiginnaa waan cufa dhimma waraanummaaf itti dhimma ba’u, tajaajilaa bu’uuraa namootni jiruu fi jireenya isaanii guyyaa guyaa ittiin geggeeffatan yeroo fi walitti fufiinsaan akka hin arganne gochuun hawaasa dararaa jira.
Godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo keessatti ibsaa balleessuu, bishaan dhugaatii kukkutuu, zayitaa fi sukkaara gabaa irraa dhabamsiisuun warri dukkaana dhuunfaa irraa bitatan gochuun hawaasni jiraachuuf baasii olaanaa akka gaafatuun taasisanii jiru.
Kana malees magaalaa Dambii Doolloo keessatti sochiin namootaa akkaan kan hordofamuu yoo ta’u geejjibni baajaajii fi doqdoqqee shakkiin ilaalamuun sakatta’amaa akkasumas konkoolaachiftootni isaanii reebaa akka jiran maddeen himuun sirni kufaa jiru kun magaalicha keessatti dararaa hamtuu uummata irraa ga’aa akka jiru dabaluun addeessaniiru.